Xurree ittiin seenan

Breaking News

Daandiiwwan Finfinnee Irraa Gara Naannoo Amaaraatti Geessan Cufaman: Prezidaantii Komiishinii Tajaajila Geejjiba Itiyoopiyaa


FAAYILII. - Karaa konkolaataa, Finfinnee
FAAYILII. - Karaa konkolaataa, Finfinnee

Sababa Nageenyaatiifi jechaa karaan Finfinee iraa kaasee gama Daseeeetii Kaaba Itiyoophiyaa dhaqu akkasumas Finifinnee irraa kaasee gara Goojaama deemuu geejibaafi cufaa taasifamuu isaa Feedereshiinii geejiba Ityoophiyaa sagalee Amerikaatti himanii jiru.

Prezidaantiin Feederashinichaa Obbo Beraanee Zeru akka sagalee Amerikaati himanitti, karaan Finfinnee irraa kaasee gara Daseetti geesu guyaa dheengaddaa, Hagayyaa 11 bara 2016 kaasee cufamee yemuu ta’u karaan gara Goojamii fi Gondortii geesuu immoo Hagayya 8 bara 2016 kaasee waan cufameef konkola’ichosnii karaa irraa dhaabatnii jiru.

Namii maqaan isaanii akka dhahamu hin barbaanee tokko magaalla dassee irraa ka’anii ittuu gara Finfineenni Atobusiidhaan imaalla jiranuu karaan magala Dabresiinaa Yemuu gahan karaan cufameera jedhamanii gara Daseetti Deebii isaanii himaniiru.

Namii biraa fe’isaa fe’anii gara magaala Gonder deemaa turan tookko waan karaan cufameef magaala Dejeen keesa torban tokkoof dhaabachuu isaanii Sagalee Amerikaatti himaniiru.

Haaluuma walqabateen tibbana kana magaalaa Baahir Daar keessatti sababa nageenyytiif jecha dhaabbatee kan ture, sochiin geejibaatiif manoottan daldalaa Ammii tokko guyyaa har’aa hojii jalqabuu isaanii sagalee Amerikaatti himaniiru.

Namii biraa maqaan isaanii akka hin dhahamne gaafatan tokko godina Goojame kaabaa naannoo magaala Mar’aawiiti hidhaatoota Faannoo fi umnoottan mootummaa giduutti lolli taasifamaa akka ture saagalee Amerikaatiif ibsaniiru

Haaga’onii nageenyaa olaanaan naannoo Amaaraa dhiheenyaa kan dhaabataa miidiyaa naannichaa irratti bahuudhaan ibsa kennaniin, namoottan dhodhoowaa dhodhoosuudhaan magaalootaa jeequu yaalan jiraachuu isaanii ibsanii mootummaa federaalaafii kan naanichaa akka tarkaanfii fudhatan ibsuu isaanii Asteer Misgaanaawu Gabaastee jirti.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG