Mormii lola Gaazaa keessatti taasifamaa jiru irratti xiyyeefatee wixata kaleessa galgala bakka yaa’iin biyyalesaa paartii Demokraatotaa itti jalqabameetti, taasifame kana irratti kan hirmaatan maatiiwaan ijooleewwan isaanii wajjin, baraatootaa fi hoggantoota hawaasa kumaan lakkaawaman yemuu ta’u, isaan keessaa ammii tokko dallaa ykn daangaa umnoottan nageenyaa kaa’an cabsuudhaan gara galama walga’ichaatti darbuudhaaf yaalii taasisaa akka turan beekameera.
Namoottan dalla cabsanii seenuuf yaalan heduu qabanii hidhuu isaanii poolisoonii baaksisaniiru. Haanga’an poolisii magaala Chikaagoo Larry Sneeliing akka jedhanitti, namoottan dallaa cabsanii seenan qodaa bishaanii fi waneen biro garaa Poolisootaati darbachaa akka turan ibsanii, poolisoonii garuu ittuu uleedhaaf gazii nama imimaanesu hin fayyadamin mormichaa too’achuu danda’uu isaanii himaniiru. Namoottan meeqaa akka qabamanii hidhamman haanga’onni poolisii amma ammaatti hin ibsine.
Magaalli Chikaagoo fi naannoon isaa heddumina namoottan hida dhaloota Paalasdtaayin qaban heduminaan keessa jiraatan magaaloota US keessa adda duree irraa kan jiru yemmu ta’u, namoottan heduun Atoobusiidhaan kutaawan adda addaa irraa garaa magaala Chikaagootti imaluudhaan hiriira irratt hirmaachuuisaanii gabaasameera.
Namoottan hiriiraa mormii kana irratti hirmaatan caalaan isaanii alaabaa Palastaayiin qabatanii, “ maalaaqa waraanaa fi weeraraa laachuudhaa manna hojiidhaaf baruumsaaf oolchaa” dhaadannoo jedhuu qabatanii gargaarsaa maallaqaa fi meeshaa waraanaa mootummaan US Israa’eliif taasisaa jiru mormuun isaanii beekameera.
Forum