Xurree ittiin seenan

Breaking News

Yakkamaa Hidhaa Miliqe Kanneen Gaargaaran Jedhaman Naayroobii Keessatti Har’a Seera Duratti Dhiyaatan  


Poolisoota yakkamaa miliqsiisudhan shakkaman, Naayiroobii, Hagayya 21, 2024.
Poolisoota yakkamaa miliqsiisudhan shakkaman, Naayiroobii, Hagayya 21, 2024.

Poolisoonni Keeniyaa shan Robii har’a mana murtiitti kan dhiyaatan yoo ta’u, nama dubartoota kurnootaan lakkaa’aman ajjeesuu fi qaama isaanii irraa cicciruu dhaan himatame mana hidhaa poolisii Naayiroobii keessaa akka miliquuf gargaaruun shakkaman. Polisiin Kibxata kaleessaa hojii faana bu’uu kan eegale erga namnii walduraa duubaan nama ajjeese jedhame Kooliins Jumaisii fi lammiileen Eertiraa 12 buufata poolisii magaalaa Naayroobii naannoo gabaa guddaa jiru keessaa cabsanii ba’anii booda.

Umriin isaa 33 kan ta’e Jumaisiin, poolisiin ''ekeeraa dhiiga dhuguu baree fi gara jabeessa '' jechuun ibse, ji'a darbe magaalaa Naayroobii naannoo balfi itti gatamu keessatti reeffa dubartootaa qaama isaanii irraa murame hedduun haala suukaneessaa ta'een erga argamee booda to'annoo jala oole. Poolisiin akka jedhutti bara 2022 irraa eegalee waggoota lama keessatti dubartoota 42 ajjeesuu isaa kan himee yoo ta'u, haatii warraa isaa miidhamtoota keessaa ishee jalqabaa ta'us dubbateera.shakkamaan kun erga hidhamee booda dararamaa akka ture himateera.

Innii fi hidhamtoonni biroo foddaa sibiilaa buufatichaa keessaa kutuun dallaa naannoo sana jirutti ol bahuun miliquu isaanii poolisiin beeksiseera. Itti aanaan itti gaafatamaan poolisii biyyoolessaa Gilbert Masenga Kibxata kaleessaa akka jedhanitti, ''qorannoon keenya kan jalqabaa miliquu jarreen kanaa kun, namoota buufta sana keessa jiran biraa gargaarsa argatanii jiru.

Dubartii tokko dabalatee qondaaltonni polisii shan har’a mana murtii Naayiroobiitti kan dhiyaatan yoo ta’u, abbootiin alangaa qorannoo isaanii xumuruuf jecha, jarreen kun guyyoota dabalataa 14f akka hidhamaniif ajajni akka kennamuuf gaafataniiru. Poolisoota saddeet Kibxata kaleessaa miliquu kanaan to'annoo jala oolan keessaa ta’uu fi, sadan hafan ammoo mana murtiitti dhiyaachuu fi dhiisuu isaanii battalumatti hin beekamne.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG