Waldhabdeen siyaasaa hooggantoota siyaasaa naannoo Tigraay gidduu gad fageeffachaa dhufuun, gareen Adda Bilisummaa Ummatoota Tigraay (ABUT) kan Dr. Dabratsion Gabramika'eliin durfamu muudama haaraa bulchiinsi yeroo naannpoo Tigiraay kan Pireezidaanti Geetachoo Raddaan durfamu bulchitoota godinaaf kenneef beekamtii akka hin kennine beeksiise. Kunas kan beeksiise bulchiinsi yeroo naannoo Tigiraay Kan Geetaachoo Raddaan durfamu bulchitoota godinaa haaraa lama kan Godina Kaaba dhihaa fi kibba bahaaf Jimaata darbe kennuu isaa hordofeeti.
Itti Aantuu dhaaba adda bilisa baasaa uummata Tigiraay kan ta’anii Aadde Fetilewarqi GebireeIgaazbeer kan garee Doktar Debirestiyoon ta’an ibsa dilbata kaleessaa kennaniin koreewwan paartii kan sadarkaa aanaa fi Godinaatti argaman muudamtoota haaraa kanaaf tumsa akka hin kennine jechuun waamicha dhiyyeessaniiru.
Wal falmiin keessoo dhaabba adda bilisa baasaa uummata Tigiraay giduutti uumamee jiru ifatti ba’ee kan mul’atee fi ittuu hammachaa kan dhufe erga yaa’ii dhaabichaa 14ffaa gareen Doktar Debirestiyoon Gebiremikaa’eel faa’aa gaaggeessuun dura taa’aa isa taasisaani filatanii, akkasumas miseensota koree gidduu galeessaa kan ta’an itti aanaa dhaabichaa Geetachoo Raddaa dabalatee namoonni 14 yaa’icha irratti hin hirmaannu jedhaniin booda.
Obbo Geetaachoo Reedaa tarkaanfii fudhatame kana deggersa seeraa kan hin qabnee fi gatii hin qabu jedhanii ,torban darbe kaanas sadarkaa aanaa fi godinaatti eeyyama bulchiinsa yeroo naanichaan alatti wal ga’ii kamiyyuu taasiisuun dhorkaa akka ta’e ibsanii ture.
Forum