Xurree ittiin seenan

Breaking News

Sigiga Lafaa Gondar Kaabaatti Mudateen Namoonni Kudan du’an


Gondar Kaabaa naannoo lafti itti sigigaate
Gondar Kaabaa naannoo lafti itti sigigaate

Naannoo Amhaaraa Godina Gondar kaabaa Aanaa Xallamtitti Sanbata xaqqaa gaafa Hagayya 17 fi Dilbata hagayya 18 bara 2016 darbe kana rooba cimaa roobaa ture hordofee sigiga lafaa mudateen lubbuun namoota Kudhanii darbuu hooggantoonni naannoo Amhaaraa mirkaneessaniiru.Akkasumas balaan kun namoota kumaatamootaan lakka’aman qe’ee isaanii akka buqqa’an taasiiseera.

Itti Gaafatamaan Waajjira Sodaa Balaa godina Gondar Kaabaa obbo Selamyihuun Mulaat sagalee Amerikaatti akka himanitti, reeffi namoota lubbuun darbe 4 reefuu argameera.

Itti Gaafatamaan Waajjira Bulchiinsa Sodaa Balaa zoonii obbo Selamyihun Mulat VOAf akka himanitti, hanga ammaatti reeffi namoota 4 argameera.

Waqtii gannaa bara kanaatti rooba cimaa bakkeewwan garaa garaa Itiyoohiyaa keessatti roobaa jiruun sigigni lafaa mudachaa kan jiru yommuu ta’u, Guyyota Kudhan dhufan keessattis biyyattii keessatti roobni cimaan ni rooba jechuun Inistitiyuutiin Meetirooloojii Itiyoophiyaa sagalee Ameerikaaf ibseera. Inistitiyuutichatti iit aanaa hooganaa kan ta’an Doktar Assaaminew Teshoomee ibsa har’a sagalee Ameerikaaf kennaniin guyyoota 10 dhufan keessatti roobni hanga eegamuun olitti akka roobu ibsanii ji’oota lamaan itti aananittis ulfaataa akka ta’uu malu akeekkaachiisaniiru.

Jalqaba baatii kanaa Ityoophiyaa Kibbaa godiina Welaayitaatti rooba cimaa roobe hordofee sigiga lafaa addatti mudateen lubbuun namoota 11 darbeera. Ji’a darbe keessa sigiga lafaa lubbuu namaa galaafate naannoo Kibbaatti yoo xiqqaate namoota 249 ajjeesuu qondaaltonni naannoo himanii jiru. Akkasumas torban darbe qofa naannoo Amhaaraa magaalaa Dassee keessaa namoonni gara 400 ta’an, sodaa sigiga lafaa jiruun, baafamaniiru.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:57 0:00
More
XS
SM
MD
LG