Xurree ittiin seenan

Breaking News

Itiyoophiyaa Keessatti Godaantonni Dhibbaan Lakka'aman Hidhaa Hikamuu UNHCR Beeksisee Jira


Dhaabni Baqattootaa kan Tokkummaa Mootummootaa (UNHCR) waltaatoota isaa waliin ta’uun magaalaa keessaa godaantoota fi kanneen dahannaa gaafatan 879 hidhaa akka ba’an gochuu isaa beeksisee jira.

Dhaabni kun Wiixata darbe ibsa baaseen baatii Adooleessaa keessa hidhaman kanneen ittin jedhe kun, yaadaa fi komee dhageesiisan irraa ka’uun waajiira tajaajiila godaantootaa fi kanneen godaansa irraa deebi’anii kan Itiyoophiyaa waliin yaalii gaggeessaniin hiikaman jedheera. Godaantonni hiikaman kun lammiwwan biyya eessaa akka ta’an akkasumas yeroo hammamiif akka hidhaa keessa turan gabaasi ba’e hin ibsine.

Kanaa fi dhimmoota kanatti hidhata qaban ilaalchisee gaaffii gama Imeeliin sagaleen Amerikaa dhiyeesseef UNHCR deebii akka kennu kan abdachiisee ta’uus haga oduun kun qindeeffameetti deebiin nu hin ga’iin jira. Waajiira tajaajiila godaantootaa fi kanneen godaansa irraa deebi’anii kan Itiyoophiyaa irraas ibsa argachuuf yaaliin ta’e hin milkoofne.

Komiishiina mirga namoomaa kan Itiyoophiyaaf eeggattuu komishiinaraa kan ta’an Raakeeb Massale yaada kennaniin galma’anii bekkannoo argachuu dhabuun keessumaa godaantoota magaalaa keessa jiran hidhaa fi rakkoo kana faffakaatuuf akka saaxiluu ibsan. Komishinni isaanii waggaa darbe tokko keessatti godaantoota 120 hidhaa baasisuu isaas hubachiisaniruu jechuun keeneedii Abaataa Finfinnee irraa gabaasee jira.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG