Xurree ittiin seenan

Breaking News

Biyya Afrikaa Kibbaa Keessatti Namoottan kuma 6 fi 200 Ajjeefamuun Ibsame


FAAYILII - Poolisoonni Afrikaa Kibbaa yakka ittisuuf hojjatan oggaa konkolaataa sakata'an, KeepTaawon, Afrikaa Kibbaa Onk.12, 2022.
FAAYILII - Poolisoonni Afrikaa Kibbaa yakka ittisuuf hojjatan oggaa konkolaataa sakata'an, KeepTaawon, Afrikaa Kibbaa Onk.12, 2022.

Biyya Afrikaa kibbaa keessatti ji’a Ebilaatii ammaa ji’a waxabajjitti namoottan kuma 6 fi 200 gahan ajeefamuu isaanii haanga’aonii poolisii biyyichaa ibsaniiru.

Maddi oduu Ajaans Firaans Prees ministira Poolisii Afrikaa kibbaa Seenzoo Mchuunaa waabefachuudhaan akka gabaaseetti ji’ottan Sadii keessatti namoottan kuma 6 fi 198 ajjeefamuu isaanii mirkaneessanii, yeroo walfakaataa waggaa darbe keessaa turee wajjin yemmuu wal bira qabamee ilaalamu dhibentaa 0.5iin akka gadi bu’e ibsaniiru.

Afrikaa kibbaa keessatti ajjeechaa dhaa alaatti yakkawwan raawataman keessaa tokko kan ta’ee ijoollewwan durbaa fi dubartoota dirqiidhaan gudeeduun yemmuu bara darbee wajjin walbira qabamee ilaalaamu % 0.6 dabaluu isaa ibsa haanga’onni poolisii biyyichaa magaala Keep Taawon keessatti kennan irraa baruun danda’ameera. Akka galmeen poolisii biyyichaa agarsiisutti ji’a Ebilaa fi Waxabajii gidduutti yakki dirqiin gudeeduu kuma 9 fi 309 raawwatameera.

Yakki qorchaa sammuu namaa adoochuun walqabatee kuma 44 fi 735 ji’a Sadii keessatti raawwatamuu isaa kan ibsee gabaasinni poolisii biyyichaa, dhimma kanaan walqabatee ji’a darbe keessa sakata’insaa kibba magaala Johaansiberg keessatti taasifameen lammileen Meeksikoo Sadii fi lammileen Afrikaa kibbaa Lama qabamaniiru.

Lammiin biyyaa Raashaa tokkos baala sammuu namaa Adoochufi “Kookeeyin” jedhamee beekamu kan doolaara Miiliyoonii 14 baasuu wajjin qabamuun isaa ibsameera. Afrikaa kibbaa keessatti dhimmmii yakkaa, mootummaa waloo prezidaant Siyiril Raamafoozaatiif dhimmaa ijoo ta’uu isaa maddi oduu Ajaans Fraans Prees jimaata har’aa magaala Johaansberg irraa gabaaseera.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG