Masiriin Dilbata kaleessaa Fulbaana 1 bara 2024 xalayyaa mana maree nageenyaa dhaabbata mootummoota gamtoomaniif barreessiteen Tarkaanfii Itiyoophiyaan gama tokko qofaan fudhachaa jirtu walii galtee bara 2015 , Masirii, Itiyoophiyaa fi Sudaan waliif mallatteessine cabsiteetti jechuun himatteetti. Xalayaa ministirri haajaa alaa Masirii barreesse kana kessatti Muummichi ministiraa Abiyyi Ahimad gaafa Hagayya 25 bara 2024 bishaan guutuun hidha laga Abayyaa marsaa Shanaffaan xumuramuu isaafi Tarbaayinoonni lama dabalataan hojii jalqabuu isaanii ibsuu isaanii caqasee , kunis tarkaanfii Itiyoophiyaan ofii ishee fudhattedha jedheera. Muummichi ministiraa Abiyyi Ahimad waa’ee guutinsa bishaanii marsaa 5ffaa ifatti dubbachuu baatanis hidhichi yeroo ammaa bishaan Meetir Kiyuumii Biiloyoona 62.5 qabachuu isaa dubbataniiru.
Ministirri haajaa alaa Masiriin haaraa muudaman Badiir Abdelaatii xalayaa guyyaa kaleessaa barreessan keessattimmoo Imaammanni Itiyoophiyaan hordofa jirtu biyyoota bishaanichaan gara gadii jiran balaaf kan saaxilu jedhanii kunis Itiyoophiyaan biyyoota ollaa ishee waliin rakkoo uumuun naannichi akka hin tasgabbofne kan taasisu jechuun qeqeera. Xaliyyicha keessatti Masiriin akkataa Chaartara dhaabbata mootummoota gamtoomaniitti fedhii uummata ishee kabachiisuuf jecha tarkaanfiiwwan Chaartaricharra taa’an hundaa ni fudhattis jedheera.
Erga Itiyoophiyaan hidha laga Abbayyaa jalqabsiiftee kaastee Biyyoonni sadan , Itiyoophiyaa, Sudaanii fi Masiriin waggoota 13 darbaniif marii taasiisaa turanis walii galteerra ga’uu hin dandeenye. Walii galteerra ga’uu dhabu isaanii fi Itiyoophiyaa fi Masiriin walii walii isaanii komatu. Akka lakkoofsa Itiyoophiyaa xumura bara 2015 irraa kaasee hanga ji’a muddee bara 2016tti Kaayiroo fi Finfinneetti mariin marsaa Afuriif taasifame walii galteerra ga’amuu dhabuu isaan Masiriin marii itti fufuuf fedhii akka hin qabne beeksiifteetti. Itiyoophiyaanimmoo mariachi itti fufuu qaba ejjennoo jedhu tarkaanfichiisaa jirti.
Somaaliyaa fi Masiriin walii galtee deeggarsa humna waraanaa taasisuu isaanii hordofee Masiriin meeshaalee waraanaa xiyyaarota lama Kibxata darbe Somaaliyaa galchuu ishee hordofee Itiyoophiyaa karaa ministira hajaa alaa ishee ibsa baasteen mormiteetti.
Forum