Namoonni kunneen to’annaa jala kan oolfamaniiran kunneen maagaalaa Segen kan ollaa aanaa dereshee keesstti namoonni hidhatan haleellaa gaafa Hagayya 14 raawwataniin yoo xiqqaate namoonni 14 du’uu isaanii hordofee kanneen shakkaman ta’uu hoogganaan nageenyaa godina Gaardullaa Giniinyuunnet Kitimoo sagalee Ameerikaatti himaniiru. Akka Ibsa isaaniitti hidhattooni guyyaa sana magaalaa Segen seenuun halleellaa raawwatan kanneen Aanaa ollaa Darashee irraa dhufaniiranidha.
Aadde Simmeeny Girmaa abbaan manaa isaanii Daaqoo Taammiraati konkolaachisaa konkolaataa waajjira mootummaa ta’uu isaa himanii waraqaa waAmichaa mana murtiitiin alatti to’annaa jala oolfamuu isaa dubbatu.
“ Miseensonni poolisii magaalaa Gidoolee sadii ni barbaadamta jedhanii manaa fudhatanii deeman , achiis qabeenya isaa galmeessanii irraa fudhaanii hidhamtootaatti isa dabalan , kun kan ta’e wiixatadha. Bulee gaafa Kibxataa ganama sa’aatii 12 irratti bilbiluun Simmeny na gargaaraa namoonni na cinaa jiran sadii du’aniiru , ani hafeera konkolaataa kontiraatayyuu ta’u fudhadhuu koottuu na fudhadhu gaammoojjii weexoo keeessa, toora Jiinkaa Aspaaltiirran jira na jeedhe, erga ani magaalaa Gaattoo yommuun ga’u namoonni bilbila sana bilbilaa turan bilbilli isaanii bade , sana booda waan jiru beekuu hin dandeenye. “
Shakkamtoonni kunneen bakka duraan itti hdhamanii turan buufata poolisii magaalaa Gidilee irraa gara bakka biraatti dabarfamaniiru kan jedhan maatiin nageenya isaaniifis yaaddoo qabna jedhu. Namoonni amma to’annaa jala oolfamaniiran hojjettoota mootummaa siviilii lama, hooggantoota 4 fi hooggantoota Poolisii 4 walumaa galatti durbatoota lama dabalatee namoota 21dha.
Hooganaan waajjira nageenyaa godina Gaardullaa Obbo Gininyunnat Kitimoo waa’ee namoota to’annaa jala oolfamaniiranii kanaa odaffannoo bal’aa qabana jedhu.
Taatee namoonni to’annaa jala oolfaman kun kan itti shakkaman gaafa hagayya 14 bara 2016 namoota hidhatan kan eenyummaan isaanii hin beekamne kanneen aanaa Darashee irraa dhufan magaalaa Segenii fi naannoosheetti halleellaa raawwataniin humnoota nageenyaa dabalatee namoonni 14 yommuu du’an manneen hojii mootummaa 23 gubataniiru jedhaniiru bulchaan aanaa naannoo Segen obbo Urmalee Ugandee. Gabaasni kan Hawwaasaa irraa kan Yoonaattan Zabdiyoosidha.
Forum