Xurree ittiin seenan

Breaking News

Daangaan Itiyoophiyaa fi Sudaan Inni Gama Matammaan Jiru Sababaa Wal-waraansaan Akkuma Cufametti Jira, Jedhame


FAAYILII - Matammaa bakka dangaa Itoophiyaa fi Sudaan,Waxabajjii 3, 2015.
FAAYILII - Matammaa bakka dangaa Itoophiyaa fi Sudaan,Waxabajjii 3, 2015.

Goondar Kaabaa keessatti walitti bu’iinsa guyyaa Aurii kan Wiixata dabree uumameen kan ka’ee karaa Matammaa kan jiru daangaan Itiyoophiyaa fi Sudaan cufamuu isaa jiraattonni magaalaa Matammaa Yohaannis sagalee Amerikaaf ibsanii jiru. Kamiisa kaleessaa qabee immoo walitti bu’iinsii kun itti fufuu isaa fi amma iyyu iddoo itti dhiyeenya qabu irratti itti fufee jira jedha jiraataan maqaan isaa akka hin ibsamnee gaafate tokko. Dheengadda humnii magaalatti to’atee ture kan Faannoo gara gamojjiitti ba’eera. Kaleessa immo deebi’anii magaalattii to’atan. Amma xiqqoo gab jedheera Kokoolaataan dhaabatuus namoonni garu socho’aa jiru jedhan jiraataan kun.

Waa’ee dhimmi kanaa gama Imeeliin sagalee Amerikaaf ibsa kan erge dhaabnii baqattootaa kan Tokkummaa Mootummootaa (UNHCR) akka jedheetti humnootii nageenyaa kan mootummaa fi hidhattoota eenyummaan isaanii hin beekamiin gidduu walitti bu’iinsa jiruun Itiyoophiyaa sudaan waliin kan wal qunnamsisuu daangaan Gaalabaatii fi Matammaa gidduu cufameera. Haala naannoo sanatti uumaneen balaan godaantoota irra ga’e tokko iyyu akka hin jirrees ibseera. Godaantoota keessaa tokkos isaan irra midhaan akka hin ga’iin ibsee jira.Garu haallii jiru dhiiphiina isaanti uumuu isaa fi dhiyeessiin tajaajiila bu’uraa kan akka bishaanii nyaataa fi tajaajiila fayyaa akka danqamuu taasiseera jedha.

Anaa Matammaa keessa bakka adda addaatti humnootii nageenyaa kan mootummaa fi hidhattoota Faannoo giddutti walitti bu’iinsii itti fufuu isaa madden sagalee Amerikaa ibsanii jiru. Gondar kaabaa keessa bakka adda addatti walitti bu’iinsa gaggeeffamanii fi midhaa dhaqqabsiisan jedhamu ilaalchisee aangawoota mootummaa kan aanaa fi aangawoota bulchiinsa naannoo Amaaraa irraa deebii argachuuf yaaliin taasiifne hin milkoofne jechuun Gabra Mikaa’eel Gabra Madin gabaasee jira.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:57 0:00
More
XS
SM
MD
LG