Xurree ittiin seenan

Breaking News

Prezidaant Joo Baayiden Ajaja Olaanaa Itiyoophiyaa Irratti Baasanii Turan Haaromsan


Asxaa Masaraa Mootummaa Yunaaytid Isteets, Waayit Hawusi
Asxaa Masaraa Mootummaa Yunaaytid Isteets, Waayit Hawusi

Preezdaantiin Yunaayitid Isteets Joo Baayiden Ajaja hoggana olaanaa waggoota sadii dura sababa lola Tigiraay keessatti qoqqobbii namoota dhuunfaa irratti akka kaa’amu hayyamanii turan haaromsaniiru.

Baayiden xalayaa Fulbaana 6 Af-yaa’ii mana maree Yunaaytid Isteetis fi pirezidaantii Seenetiif barreesseen haal-duree jalqaba ajajni kun akka bahu kakaase irratti jijjiiramni akka hin jirre gabaaseera.

“Haalli Itiyoophiyaa Kaabaa keessaaa fi isatti hidhata qaban sochiiwwan nagaa nageenya fi tasgabbii Itoophiyaa fi naannoo guddicha Gaanfa Afrikaa balaadhaaf sodaachiise nageenya biyyaa keessaa fi alaa kan Amerikaa akkasumas imaammata alaa qabdu irratti balaa addaa ta’ee itti fufee jira” jechuun xalayaa Waayit Haawus maxxansee keessatti dubbataniiru .

“Kanaaf, Itoophiyaa ilaalchisee labsii hatattamaa biyyoolessaa ajaja hojii raawwachiiftuu 14046 keessatti labsame itti fufuun barbaachisaa ta’uu murteesseen jira”jedhu.

Ajajni hoggana olaanaa 14046 yeroo jalqabaaf Fulbaan 17 abara 2021 yeroo waldhabdeen mootummaa federaalaa Itiyoophiyaa fi Adda Bilisummaa Ummata Tigraay gidduutti uumame olka’aa yeroo ta’etti kan bahee ture. Tarkaanfiin amma ajaja kanaaf kenname kun guyyaa xumuraa hojii irra olfama isaa dheeressa.

Ajajni kun namoota murtaa’oo dhiittaa gargaarsa namoomaa fi mirga namoomaa Itoophiyaa keessatti hirmaatan irratti qoqqobbii kaa’eera

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:57 0:00
More
XS
SM
MD
LG