Xurree ittiin seenan

Breaking News

Haleellaa Misaa’elaa Israa’eel Gaazaa Keessatti Raawwateen Namoonni Hedduun Dhumuun Gabaasame


Palestiinota qehee irraa buqahanii mana barumsaa buufata yeroo ta'e keessa jiran, Gaazaa Triipi, Ful.5, 2024.
Palestiinota qehee irraa buqahanii mana barumsaa buufata yeroo ta'e keessa jiran, Gaazaa Triipi, Ful.5, 2024.

Qibxata har’aa haleellaa kun kan raawwatee lixaa kutaa Khaan Yonuus bakka Mawasii jedhamuufi bakkaa lammileen palastaayiin kutaa biraa irraa lola baqatanii daawoo itti qabatan yemmuu ta’uu, lakoofsa namoottan balaa kanaan du’anii irratti gabaasa adda adaatuu dhihaachaa jira.

Gareewwan hojii gargaarsa hatattamma hojjatanif dhaabanii Ittisa siviilota Gaazaa Ykn “Gaza civil Defense” jedhamu haleellaa kanaan namoonni 40 du’anii 60 kan ta’an immoo madda’aniiru. Gabaasa kana booddee ibsa kan kennee dhaabbanni fayyaa Gaazaa immoo namoottan 19 ajjeefamanii 60n madaa’uu isaaniiti kan beeksise. Ministeerri fayya Gaazaa namoottan gamoodhaaf cirracha keessatti awwalamanii jiran baasuuniifi lakkoofsaa isaanii baruun akka hin danda’amne beeksiseera.

Dubbii himaan dhaabata Ittisa siviilota Gaazaa Mahaamad Baasaal maatiiwwaan daa’oo keessa qubatanii jiran ittu akeekkachiisii off eeggannoo dursee hin kennamin haleellaan irratti raawwatee ajjeefamaniiru. Haleellaa kanaan Hogaantootaa garee Hamaas heduu ajjesuu isaa kan ibse waraanni Israa’eel gareen Hamaas bakka siviilonii jiran maandhefatee lola jechuudhaan balaallefatee jira. Gareen Hamaas gama isaatiin hidhaatoonni isaa naannoo sana akka hin turre ibsee, jechaa fi gochaa Israa’el balaalefatee jira.

Barreesaan muumee dhaabbata mootumoota gamtoomanii Antooniyoo Guterees, Wixata kaleessa ibsaa madda oduu Asooshiyeetiif Preesiiff keenaniin lola Gaaza keessatti taasifamaa jiruu dhaabuudhaaf yoo waligaltee uu irra gahamee dhaabbanni mootumoota gamtoomanii waraana naga eegdotaa bobbasuudhaaf akka fedhii qabu ibsaniiru. Yaaliin marii waligaltee dhukaasa dhaabuu Yunaayitid Isteets, Kaataari fi Masriin ji’oottaniif taasifamaa jiru ittu waan qabatamaa irraa hin gahiin adeemaa jiraachuun isaa gabaasamee jira.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:57 0:00
More
XS
SM
MD
LG