Gareen Islaamiik Isteet kan Somaaliyaa keessaa shororkeessummaaf dhiibbaa gama maallaqaa geesisuuf barbaachiisaa ta’e jira jechuun Gareen Intarnaashinaal Kiraaysis Gruup jedhamu beeksisee jira.
Gabaasni tokko akka agarsiisutti, Islaamik Isteetis Afrikaa keessatti hojii isaa babal’isuuf waan barbaaduuf, hogganaan damee Islaamiik Isteetis kan Somaaliyaa keessaa hogganaa waliigalaa haaraa garee hidhattootaa ta’uu mala. Gareen Islaamiik Iateetis Somaaliyaa keessatti akka gita isaa biyya keessaa, garee shororkeessummaa al-Qaayidaa waliin hidhata qabu al-Shabab, kan kutaalee gurguddoo kibbaa fi giddu galeessa Somaaliyaa to’atu, dirree waraanaa irratti sochii gochuu dhiisuu mala.
Haa ta’u malee, Gareen Intarnaashinaal Kiraaysiis Gruup gabaasa Kamisa darbe baaseen, Islaamiik Isteet kan Soomaaliyaa dameelee isaa biroo waliin hariiroo tolfataa akka jiruu fi hojii shororkeessummaa biyyoota Afrikaa biroo keessatti hojjetamuuf maallaqa baasuu akka danda’u ibseera. Omar Mahmood qorataa gameessa garee Kiraaysiis Gruup akka jedhanti gareen Islaamiik Isteetis Somaaliyaa keessaa kun, alatti Al shabaab caalaa qooda guddaa qaba.
"Al-Shabab caalaatti balaa guddaadha. Garuu gama kaaniin, Islaamiik Isteeti Somaaliyaa keessaa, haallii jiru isaanii mijachuu baatuus, itti fufee jira. Kan biraa immoo, ofii isaa caasaa bal'aa garee isaa keessatti, keessumaa akka wiirtuu faayinaansii tokkootti dhaabbilee hidhata qaban tokko tokkoo fi kutaalee Islaamiik Isteetis kanneen biroo gidduutti tajaajilaa jira."
Gareen Intarnaashinaal kiraaysis Giruup akka jedhetti, gareen Islaamiik Isteetis bara 2020tti hojii Afrikaa keessaa deebi’ee gurmeessuun, dhaabbilee hidhata qaban Rippabiliika Dimookiraatawaa Koongoo fi Mozaambiik irraa dhufan waajjira muummee isaa naannoo Somaaliyaa Puuntland keessatti argamu jala galchee jira.
Islaamiik Isteetis kan Somaaliyaa keessaa, loltoota 100 hanga 400 ta’an kutaa biyyattii kaabaa keessa buufataniiru jedhamee gabaafameera. Akka gareen addunyaa kun jedhutti qabsaa’ota keessaa gara walakkaan lammii biyya alaa ta’uun ni amanama. Jalqaba bara kanaa aangawoonni Puntland miseensota garee Islaamummaa jaha kanneen...lammiilee Morookoo kan boodarra biyyaa ari’aman turan.
Forum