Xurree ittiin seenan

Breaking News

Humnoonni Waraanaa Biyyaalessaa Maalii Magaalaa Galma-Mootummaa Biyyattii Deebisanii To’achuu Dubbatan


VIidiyoo TV AFP irraa fudhatame ibsi mootummaa irraa yeroo kennamu agarsiisu, Bamaakoo, Maalii, Fulb. 17, 2024.
VIidiyoo TV AFP irraa fudhatame ibsi mootummaa irraa yeroo kennamu agarsiisu, Bamaakoo, Maalii, Fulb. 17, 2024.

Erga hidhatoonni haleellaa raawwtanii booda magaalli guddaan biyyaa Maalii Bamakoon too’annoo umnoottan mootummaa jala oluu isaa haanga’onni beeksisaniiru. Maddi oduu Rooyiters haaga’ota mootummaa loltootaa Maalii waabefachuudhaan akka gabaaseetti, gareen Shororkeesitootaa qibxata haraa’a gara bariitti moraa leenjii kutaa waraanaa naannoo buufata xiyyaaraa biyyatitti dhihoo ta’ee irratti haleellaa raawwatee jira.

Akka bulchiinsii waraanaa Maalii dabalee ibseetti, bakkaawwan magaalicha keessatti ijoo ta’an qiyyeeffannaa haleella hidhatootaa turan. Umnii waraanaa biyyatti nageenyaa magaala Baamaakoo deebisee too’achuu isaantiin allatti lubuu namaa fi qabeenyaa irratti miidhaan qaqqabee hin ibsamne.

Umnoottan nageenyaa biroo gama biraatiin akka ibsaniitti gandaawwan naannoo buufata xiyyaara biyyatti keessatti dhukaasinii cimaan waan taasifamaa tureef buufatnii Xiyyaaraa biyyatti akka cufamuu taasifameera. Biyyi Maali bara 2012 irra kaasee biyyoottan Afrikaa dhihaa wareen hidhaatootaa jahaadistootaa wajjin lola keessa jiran keessaa ishee tokkoo dhaa.

Lola garee Jihaadistootaa al Qayidaadhaa fi Islaamiik Isteet wajjin hidhata qabun kutaa Saahil keessatti taasifamaa jiruu kanaan namoottan kumaatamaan lakkaawaman du’anii, kaneen miiliyoonatti lakkawaman immoo jireenyaa isaanii irraa bu’qa’aniiru. Lola kanaan walqabatee loltoonni mootummaa fi hidhatoonni mirga namoomaa sarbuudhaan himatamaa jiru. Lola jihaadistootaa kanaan allatis biyyaa Maalii keessatti bara 2020 fi 2021 akkasumaas, biyyoottan olla ishee Burkina Faasoo fi Niijer keessatti fonqolcha angoo loltootaan taasifameen naannichii tasgabii dhabee akka jiru gabaasameera.

Bara 2015 hidhaatoonni hoteela Raadiseen Biluu jedhamuufi magaala Baamaakoo keessatti argamu irratti haleella raawwataniin namoottan 20n du’uu isaanii maddii oduu Rooyiters Yaadachiiseera.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG