Xurree ittiin seenan

Breaking News

Nama Sanbata Dabre Doonaald Tiraap Irratti Yaalii Ajjeechaa Taasiserratti Qorannaan Geggeessamu Ittuma Fufe


Raayan Weesleey Kiiyiv, Yukrireen, Waxabajjii 23, 2022.
Raayan Weesleey Kiiyiv, Yukrireen, Waxabajjii 23, 2022.

Nama aggamii ajjechaa Prezidaantii Yunaayitid Isteets duraanii Doonaald Traamp irratti raawachuudhaan shakamee too’annoo jala irratti Qoraatoonn taasifamaa jiraachuun isaa ibsameera. Sambata dheengaddaa kutaa Filooridaa bakka Paalm Biich dhihaa jedhamuu fi bakka taphii golfii itti taasifamutti nammi prezidaantii duraanii Donnalid Tiraamp Irratti abbaltii ajjeechaa taasisuudhaan shkamee qabame nammi waggaa 58 Raayan Weesleey Ruut nama kanaan dura yakka meeshaa waraanaa seeraan alla qabachuudhaan himannaan irratti dhihaate ture akka ta’e qoraattoonni mootummaa ibsaniiru.

Qoratoonni odeefgfannoo bilibila shaakamma kanaa irraa argatanii irra akka baruu danda’aniitti, naannoo bakka tapaha golifii sanatti bosona keesaa Saa’atii 12 riphee eegaa ture. Akka haanga’onni qorannoo jedhaniti shakamtichii abukaatoo isaatin maryatu malee waan poolisootaatti dubachuu hin barbaaneefi, fuulaa miidiyaa hawaasaa isaa irratti waan maxansaa turee sakata’uudhaan sababa tarkaaniifii kanaaf isa kakaseefi dhiibaa biroo duddaduubbee isaa jiru qorachuu itti fufuu isaanii hanga’ann biiroo qorannii biyyaleessaa FBI Jeferii Veeltrii ibsaniiru.

Akka haanga’an kun dabalanii jedhanit, umnoonni nageenyaa miseensota maatii shakkamaa, hiryootaa fi wareen wajjin hojatan magaalotaa Hanaluuluu fi Chaarleet keessa jiraatan gaafachaa jiru. Qaweenii fii raasaansi shakkamaa kanaa, kan argamee bakkaa Doonaald Tiraamp turan irraa fageenyaa meetrii 365 amma 455 irra akka ta’e nagaa eegaa Tiraamp keessa tokko ibseera.

Ji’a lama keessatti Doonaald Traamp irratti abaltini ajjeechaa yemmuu taasifamuu inni Sambata dheengadaa isa lammaffaa yemmuu ta’uu Adoolesa 13 bara 2024 kutaa Penselveeniyaa keessatti yemmuu Traamp duula na filadhaa taasisaa turan, dargageesaa wagaa 20 irraa dhukaasa raawwateen nammi tokko du’ee Tiraampiin dabalatee namoonni lama madaa’uun isaanii ni yaadatama.

Forum

XS
SM
MD
LG