Baatiriin meeshaa qunnamtii wookii Tookii jedhamu kan Hizbullah irratti itti fayyadamuun torban kana dhoohinsa dhaqqabsisee, waan dhoo’aa guddaa uumuu peetin (PETN) jedhamuu kan itti hidhamee akka ture maddi Libaanan kan meeshaa kanaa beeku Rooyitarsiif himee jira.
Akkaataan meeshaan dhoo'uu kun baatirii keessatti walitti makame adda baasuun garmalee rakkisaa taasiseera jedha maddi kun.
Wookii Tokiin dhibbaan lakkaa’aman gareen kun itti fayyadamu Roobii kaleessaa kan dhohan yoo ta’u, kunis erga meeshaan qunnamtii biraan peejar jedhamu kan Hizbullah kumaatamaan lakkaa’aman maadheelee jajjaboo garee kanaa kan Lebaanan keessatti dhohanii dhaqqabsiisan guyyaa tokko booda.
Suuraan Wookii Tookii dhoohanii, asxaawwan Aykoom (ICOM) fi "Jaapaan keessatti hojjatamee" jedhaman agarsiisaniiru. Icom gama isaan waggoota kurna dura moodeelota raadiyoo haleellaa kanaan adda baafaman oomisha akka dhaabe, kanneen ammallee gurgurtaa irra jiran irra caalaan isaanii kan sobaa akka ta'an ibseera.
Hogganaan waliigalaa kutaa nageenyaa fi daldalaa Icom Yoshiki Enomoto Rooyitarsiif akka himanitti meeshaan Icom durii boombii hojjechuuf fooyya'uun isaa ni mala.
Gama kaaniin Angawoonni Taayiwaan fi Bulgaariyaa Jimaata har’a dhiyeessii peejiroota kumaatamaan lakkaa’aman kanneen Kibxata darbe Libaanan keessatti dhoohee du’aa Hizbullaah irratti raawwatame keessatti hirmaannaa akka qaban ibsaniiru.
Haleellaan Kibxata darbe raawwatame, fi kan biraa Roobii darbe kan raadiyoo harkaan qabamu kan Hizbullaah itti fayyadamu dhoosuu kan of keessaa qabu yoo ta’u, Libaanos keessatti walitti qabamanii namoota 37 ajjeesuu fi gara 3,000 madeesse.
Forum