Xurree ittiin seenan

Breaking News

Dooniin Fe'isaa Masrii Meeshaalee Waraanaa Fe'ate Buufata Galaanaa Moqdishoo Dhaqqabuu Namoonni Ijaan Argan Dubbatan


Suuraan Fulb. 23, 2024, X irratti qondaala Waajjira Muummicha Ministeeraa Somaaliyaat Nasra Bashir Ali maxxanfame, dooniin buufata doonii bakki isaa hin beekamne irratti bu'aa jirtu agarsiisa.
Suuraan Fulb. 23, 2024, X irratti qondaala Waajjira Muummicha Ministeeraa Somaaliyaat Nasra Bashir Ali maxxanfame, dooniin buufata doonii bakki isaa hin beekamne irratti bu'aa jirtu agarsiisa.

Dooniin fe’umsaa Masrii kan meeshaalee waraanaa dabalatee waan waraanaaf oluu fe’attee buufata doonii Moqaadishoo ga’uu ishee namoonni ijaan argan himan.

Dooniin fe’umsaa Ro-Ro Kaargoo Shiip (Cargo Ship) jedhamtu buufata doonii Al-Adabiyah irraa kaatee Adoolessa 22 Moqaadishoo galteetti.

Kiliippii viidiyoo namoota ijaan arganiin waraaban irratti hundaa’uun meeshaaleen waraanaa fi konkolaattota waraanaa dabalatee doonii irraa bu’aniiru.

Qondaaltonni mootummaa Somaaliyaa waan dubbatan kan hin qabne ta’us jiraattonni fe’umsa kana suuraa kaasanii miidiyaa hawaasaa irratti qoodaniiru. Konkolaattonni waraanaa gariin isaanii waan harkifamuu fi ittiin dhukaasan harkisaa doonii irraa bu'aniiru.

Garuu ministirri ittisaa Abdulkadir Mohaammad Nuur suuraa ofii fi ajajaan waraana Somaaliyaa Jeneraal Ibraahim Sheek Muhiyadin buufata doonii Moqaadishootti doonii alaabaa Masrii qabdu irraa meeshaaleen kun buufamuu ilaalaa jiran fuula feesbuukii isaanii irratti maxxansaniiru .

Barreeffama kana irrattis Nuur, “faayidaa mataa keenyaa beekna, filannoo michoota keenyaa murtoo keenya malee namoota birootiin ajajamuu miti” jedheera.

Miseensi mana maree Somaaliyaa Mursal Khalif hariiroon Somaaliyaa fi Masrii eenyuunuu ajaa'ibsiisuu hin qabu jedhu. Masriin seenaa keessatti deeggarsa waraanaa guddaa Somaaliyaa turte.

Ji’a Hagayyaa keessa Masrii fi Somaaliyaa waliigaltee ittisaa kan mallatteessan yoo ta’u, qondaaltonni Somaaliyaa waliigaltee qophii nageenyaa humnoota Somaaliyaa al-Shabaab loluuf qaban guddisu jechuun jajataniiru.

Itiyoophiyaan maqaa biyya addaa tokko utuu hin kaasne ji’a darbe ergama haaraa gara Somaaliyaatti taasifamuun “balaa naannoo sanaaf kan guutamedha” jetteetti.

Ibsa Ityoophiyaan baasteen, “ibsa diinummaa, fi yaaliin wareegama Raayyaa Ittisa Itoophiyaa laamshessuuf itti fufee jiru tuffachuun, irraa eegama” jetteetti.

“Osoo qooda fudhattoonni biroo naannicha tasgabbii dhabsiisuuf tarkaanfii fudhachaa jiranii Itoophiyaan hojii malee dhaabbachuu hin dandeessu” jedha,

Moqaadishoo keessa kan jiru Embaasiin Masrii lammiwwan isaa Somaaliilaand akka hin seenne ibsee jira.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG