Xurree ittiin seenan

Breaking News

Sagantaan Nyaata Addunyaa: Walitti-Bu'insi Naannoo Amhaaraa Keessaa Hojii Gargaarsa Namoomaaf Danqaa isa Guddicha Tahe


FAAYILII - Konkolaataa Sagantaa Nyaataa Addunyaa, Itoophiyaa, Waxabajjii 9, 2022.
FAAYILII - Konkolaataa Sagantaa Nyaataa Addunyaa, Itoophiyaa, Waxabajjii 9, 2022.

Itiyoophiyaa keessatti Waggaa dabree hojjattonni gargaarsaa Saddeetti ajjeefamuu fi diigdamnii immoo iggitamuu isaanii sagantaan nyaata addunyaa (WFP) beeksisee jira.

Itiyoophiyaatti bakka bu’an jaarmayaa kanaa Zlaataan Milisik har’a Finfinnee keessatti tuuta oduuf ibsa kennaniin yeroo ammaa bulchiinsa naannoo Amaaraa keessa rakkoon nageenyaa jiru hojii gargaarsa namoomaaf danqaa guddaa ta’u ibsan.Qaamnii keessaa harka qabu hunduumtu nageenya lammiwwan nagaa fi hojjattoota gargaarsaa akka mirkaneessaniif gaafatan.

Sagantaan nyaata addunyaa nageenya hojjattoota isaaf iddoo dursaa akka kennu fi balaa hojjattoota isaa irra ga’u kana hanqiisuufis michoota keenya waliin hojjataa jirra jedhan.

Hojjattoota gargaarsaa bara dabree iggitaman digdaman ilaalchisee waan bal’inaan jedhan hin qaban. Rakkoon nageenyaa ituu jiruu jaarmayaan isaanii namoota gargaarsa barbaadan 100 keessaa harka 90 dhaqqabuu danda’uu isaa ibsan.

Baatii dabree keessa qofa bulchiinsa naannoo Amaaraa Tigraay Afaarii fi naannoo somaaleetti kanneen gargaarsii hatattamaa isaan barbaachiisuu namoota Miliyoona 3.6 gargaarsa raabsuu ibsan.

Garu haanqiina maallaqaan yeroo ammaa jiru kanneen gargaarsii hatattamaa isaan barbaachisuu namoota Miliyoona 6 argataa akka hin jirre ibsan.

Sababaa haanqiina maallaqaan kanneen manaa fi qe’e irraa buqa’an 100 keessaa harka 60 qofa gargaaraa akka jiru ibsanii ammaan booda lakoobsii namaoota gargaarsa fedhanis dabalaa deema jedhan.

Yeroo rakkoo nyaataa hamaa kanneen qaban namoota Miliyoona Kudhaniin alattis haala caamaa marsee jiruun keessumaa naannoo Kibbaa fikibba bahaa tti rakkoon hammaatuu akk danda’uu, kanaafis namoonni Miliyoona 8.6 kanneen ta’an caama hamaaf saaxilamuu akka malan tilmaamanii jiru.

Sagantaan nyaata addunyaa namoota hanqiina nyaataa qaban Itiyoophiyaa keessaa gargaaruuf hanag baatii Guraandhala dhufuutti, Doolaara Miliyoona 300 fi miliyoona 41 akka isa barbaachisuu ibsuu isaanii Gabra Mikaa’eel Gabra Medhin Finfinnee irraa gabaaseera.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG