Yunaaytid Isteetis dabalatee hawaasnii addunyaa walitti bu’iinsii bulchiinsa naannoo Amaara keessa jiru furmaata karaa nagaa akka argatu gochuuf humnoota wal falmaa jira irratti dhiibbaa akka taasiisan kaawunsiliin Nagaa kan bulchiinsa Sanaa gaafatee jira.
Bulchiinsa naannoo Amaaraatti walitti qabaa kaawunsilii Nagaa kan ta’an Obbo Yaayehyiraad Ballaxaa sagalee Amerikaaf akka ibsanti Mootummaan bulchiinsa naannoo Amaaraa marii gaggeessuuf qophii ta’u nu mirkaneesseera kan jedhanii gama Faannoon gara tokko ta’uutti dhufanii mariif akka qopha’an gochuuf hogganoota Faannoo waliin kaawunsiliin kun dubbataa akka jiru ibsan.
Kaawunsiliin kun mootummaa fi Faanno gara mareetti fiduuf haala mijeessuuf itti gaafatama irra jiruu itti fufuun dhaabbattoota idila addunyaa wajjiin dubbataa kan jiru ta’u kan ibsan Obbo Yaayehyiraad Ballaxaa
Embaasii Yunaaytid Isteetis waliin dhimmi kana irratti kaawunsiliin marii gochuu isaa akkasumas akka dhiibbaa taasiisan gaafachuu isaanii ibsaniiru. Biyyoota gaanfa Afrikaatti jila addaa kan Yunaaytid Isteetis kan ta’an Ambaasaaddar Maayik Haamar Fulbaana 5 ibsa tuuta oduuf kennaniin, Bulchiinsa naannoo Amaaraa fi Oromiyaa keessa balitti bu’iinsonni jiran karaa nagaa akka furaman gochuuf biyyi isaanii yaalii gochaa akka jirtu ibsanii turan.
Humnootii Mootummaaa fi hidhattoota Faannoo giddutti walitti bu’iinsoota gaggeeffamaniin dhiittaan mirga anamoomaa dhaqqaban yaaddeessaa ta’uun itti fufee akka jiru kan ibsee Isamakoon walitti bu’iinsii kun mariin akka furamuuf Roobii dheengadda gaafachuun isaa ni beekama.
Qaamoonni walitti bu’iinsa kana keessaa harka qaban hundumtuu haal duree tokko malee dhukaasa dhaabuun furmaannii karaa nagaa barbaachuuf cichaan akka hojjatamuuf irra deebi’anii akka hojjatamuu qabu gaafatamuu isaa gabaasuun keenya ni yaadatama jechuun Keeneedii Abaata Finfinnee irraa gabaasee jira.
Forum