Xurree ittiin seenan

Breaking News

Kon-Federeeshiiniin Kubbaa Miillaa Afiriikaa Yaa’ii Isaa 46ffaa Itiyoophiyaatti Gaggeessaa Jira

Kon-Federeeshiiniin Kubbaa Miillaa Afiriikaa Yaa’ii Isaa 46ffaa Itiyoophiyaatti Gaggeessaa Jira
please wait

No media source currently available

0:00 0:01:06 0:00

Yaa’iin Kon-Federeeshinii Kubbaa miilaa Afiriikaa KAF 46ffaa’ n har’a Onkolooleessa 12, bara 2017 irraa eegalee Finfinnee Hoteela Iskaay Laayitiitti taa’amaa jira. Baniinsa yaa’ii kanaarratti haasaa kan taasisan Pireezidaantiin Itiyoophiyaa Taayyee Atsiqesillaasee Itiyoophiyaan bara 2029 akka lakkoofsa Awurooppaatti tapha waancaa Afirikaa qoheessuuf gaaffii dhiyyeessite KAF akka mirkaneessuufiif waamicha dhiyyeessaniiru. Hundeeffamuu KAF iirraa kaastee Itiyoophiyaan shoora olaanaa akka qabdu kan ibsan pireezidaantichi Uummanni ishees jallaala guddaa Kubbaa miillaaf waan qabuuf ilaalcha keessa galuu qabas jedhaniiru. Pireezidaantii KAF Paatiriis Mootiseeppee yaa’ii walii galaa Kanaan booda ibsa gaazexeessitootaaf kennaniin Itiyoophiyaan gaafii kana dhiyyeessuu ishee dinqisiifatanii ,muummichi ministiraa Abiyyi Ahimad Kubbaa miillaa Itiyoohiyaa guddisuuf fedhii akka qaban naaf kaasaniiru jedhaniiru. Ijaarsoota Istaadiyoomii Itiyoophiyaan taasiisaa jirtu kan dinqisiifatan Pireezidaantichi miseensonni KAF hundi yoo xiqqaate Istaadiyoomii sadarkaa isaa eeggate tokko ijaaruu qabus jedhaniiru. Gabaasni Finfinneerraa KanKeneedii Abaateeti.

This item is part of

Forum

XS
SM
MD
LG