Wiixata kaleessaa Onkoloolessa 11 bara 2017 balaa Ibiddaa magaalaa Finfinnee bakka gabaa Markaatoo Shammaa taraa jedhamutti mudatee dhaamsuuf turtii sa’aatiiwwan ja’aa fudhachuu kan ibse komishiniin ittisa balaa Ibidaa bulchiinsa magaalaa Finfinnee qabeenyaarra balaan dhaqqabuu himeera. Komishinichatti dubbii himaa kan ta’an Obbo Nigaatuu Maammoo har’a sagalee Ameerikaaf ibsa kennaniin balaa Kanaan miidhaan qabeenyarra ga’uu ibsanii hanga qabeenya barbaada’ee walii galaan qoratamaa jiras jedhaniiru.
Hojjettoota Komishinichaa kan hojii balaa ibiddaa kana dhaamsuurratti bobba’anii turan shan irrattis miidhaan dhaqqabuu kan ibsan Obbo Nigaatuun sababni ka’umsa balaa Ibiddaa kanaas Poolisiin qoratamaa jiras jedhaniiru. Balaa Ibiddaa kana to’achuuf yeroo dheeraa kan fudhateefis haaloonni nannicha turan rakkisaa ta’uus himanii ,humna komishinichaan ol ta’ee akka tures sagalee Ameerikaatti himaniiru , Ibsa Pooliisiin bulchiinsa magaalaa Finfinnee har’a baaseeniimmoo sababa ka’umsa balaa ibidaa kanaa poolisii Federaalaa waliin ta’uun qorachaa jirra jedhee guyyaa kaleessaa namoota 7 irra miidhaan salphaa fi namoota lama irra miidhaa guddaan dhaqqabeeras jedheera.
Namoota balaa uumaame kana akka carraatti fayyadamuun hanna rawwaatan 33 to’annaa jala oolchuu isaas ibseera. Finfinnee irraa Gebire mikaa’eel Gebire Medihiin tu gabaase.
Forum