Xurree ittiin seenan

Breaking News

Manni Murtii Humna Waraanaa Yugaandaa Wiixata Kaleessaa Miseensota Paartii 16 Meeshaa Waraanaa Seeraa-ala Qabachuun Yakka Itti Mure


FAAYILII- Hoogganaa paartii mormituu Boobi Waayin , Ugaandaa, Amajjii 26, 2023.
FAAYILII- Hoogganaa paartii mormituu Boobi Waayin , Ugaandaa, Amajjii 26, 2023.

Himannaan miseensota paartii mormituu tokkummaa biyyaaleessaa 16 irratti banameeru bara 2020 ji’a Sadaasaa fi bara 2021 ji’a Caamsaa gidduutti yommuu filannoon biyyattii keessatti taasifamaa turetti namoota biroo amma baqatanii fi dokatanii jiran dabalatee fanjiiwwan dhohan qabatanii argamaniiru. Abukaatoon himatamtootaa Shamiim Malendee Ajaansi Firaansi Pireessitti akka himanitti maamiltoonni isaanii kunneen gochaa himannichaa keessaa akka hin qabne Kanaan dura haalaaniiru jechuun himaniiru.

Duraan weellisaa kan ture fi amma Ugaandaa keessatti hoogganaa paartii mormituu kan ta’e Boobi Waayin gareen himannaan irratti dhiyyaate kunneen dhiifama pireezidaantiirraa akka argataniif jecha dirqisiifamanii balleessaa akka qaban akka amanan taasifameera jedhe. Yoommuu himannaan isaanii mana murtii humna waraanaa irratti dhaga’amaa turetti gaazexeessitoonni bakkicha akka hin seenne dhorkaa ture.

Miseensonni paartii mormituu 16 kunneen waggoota Afur darbaniif mana hidhaa keessa kan turan yommuu ta’u Roobii boorii murtiif mana murtiitti ni dhiyatus jedhameera.

Ministarri Haajaa Alaa Yuunaayitid Isteesi Antaanii Biliinkan Kibxata Har’aa Hooggantoota Israa’eel Waliin Mari’atanii Jiru

Antanii Biliinkan ministirri haajaa alaa Yuunaayitid Isteetisi Kibxataa har’aa hooggantoota Israa’eel waliin wal arguun Gaazaa keessatti haala waraanni dhabbachuun gargaarsi namoomaa seenu irratti dhiibbaa taasisuu fi akkasumas Liibaan keessatti wal waraansa Heezboollaa fi Israa’eel gidduutti jabaatee itti fufeeru irratti ni maarii’atu jedhamee eeggama. Erga waranni ji’a Onkolooleessaa bara 2023 irraa kaasee Israa’eelii Fi Hamaas gidduutti ka’ee kasee yeroo 11ffaaf naannicha kan daawwatan Ministirri haajaa alaa Yuunaayitid Isteetisi Anatanii Biliinkan, daawwannaa isaanii alanaatiinis Ministira muummee Israa’eel Beenjaamiin Neteenyaahuu fi Ministira Humna waraanaa Israa’eel Yoo’aav Galaanti waliinis ni marii’atu jedhameera. Akkasumas Roobii boruu gara Joordaanittis imaluuf jiru.

Wayita hooggantoonni Isree’ee fi ministirri haajaa alaa Yuunaayitid Isteetsi mariii’achuuf akka jiran oduun dhaga’ameettimmoo Heezboolaan ibsa baaseen Rookkeettota Libaanoon irraa gara buufata waraanaa Israa’eel isa Tel Avaavii fi Hayifaatti argamuutti dhukaasuusaa beeksiiseera.Humni waraanaa Israa’eel immoo halleellaawwan Rookkeettii kanneen qolachuu isaa ibseera.

Ministirri Fayyaa Liibaanoon Ibsa baaseeniimmoo Kibxata har’aa humni waraanaa Israa’eel halleellaa qilleensaarraan naannoo Beeruti hospitaala mootummaa cinaatti raawwateen namoonni 13 ajjeefamuun kaneen 57 ta’animmoo madaa’aniiru.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG