Xurree ittiin seenan

Breaking News

Gareen Waraana Saffisaa Sudaan ‘RSF’ Namoota Nagaa 120 Ajjeesuu Tokkummaan Mootummootaa Ibse


Faayilii:-Gareen RSF Kan sudaan keessaa namoota nagaa ajjeesuun gabaasame
Faayilii:-Gareen RSF Kan sudaan keessaa namoota nagaa ajjeesuun gabaasame

Sudaan giddu galeessa Bahaa keessatti waraana saffisaa (RSF) jedhamuun namoonni 120 ol ajjeefamuu Tokkummaan Mootummootaa fi gareen Doktorootaa ibsanii jiru.

Gareen hakiimotaa fi Tokkummaan Mootummoota akka jedhanitti loltoonni Humnoota Deeggarsa Saffisaa kanneen maqaa gaarii hin qabne Sudaan giddugaleessa bahaa keessatti haleellaa guyyoota hedduudhaaf raawwataniin magaalaa tokko keessatti namoota 120 ol ajjeesan.

Gareen RSF waraana Sudaan irraa haleellaa irratti gaggeeffameen maadhee naannoo Sanaa qabu eega dhabee booda, haleellaa ammaa kana immoo waraana Sudaan irratti gaggeesse.

Ibsii Tokkummaan Mootummootaa Smabata dabree baasee akka jedhetti, loltoonni RSF Onkoloolessa 20-25 gidduutti kutaa Geziraa gama bahaa fi gama kaaba magaalootaa fi gandeen keessatti jeequmsa uumuun namoota nagaa ykn siviloota irratti dhukaasuun dubartootaa fi shamarran irratti humnaan gudeeddii raawwachuu isaanii ibseera.Gamtaan Doktorootaa akka beeksisetti, magaalaa Sarihaa keessatti yoo xiqqaate namoonni 124 du'anii 200 ammoo madaa'aniiru.

Haleellaan kun torban darbe magaalaa Tamboul fi gandoota Geziraa bahaa fi kaaba keessatti namoota 46,500 ol qe’ee isaanii irraa buqqa’uu ragaan Dilbata kaleessaa Dhaabbata Godaantota Idil-addunyaa (IOM) irraa argame ni mul’isa.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG