Xurree ittiin seenan

Breaking News

Namoonni Yeroo Waraansa Tigiraay Keessaa Gara Sudaanitti Baqatanii fi Amma Deebi'an Gargaarsa Argataa Hin Jirru Jedhu


FAYILII - Baqattuu Itoophiyaa mooree baqattootaa Umra Qubaa keessatti, Sudaan Sadaasa 28, 2020.
FAYILII - Baqattuu Itoophiyaa mooree baqattootaa Umra Qubaa keessatti, Sudaan Sadaasa 28, 2020.

Waraana Kaaba Itiyoophiyaa Tigiraayitti ka’ee ture baqaaf namoonni Sudaanitti baqatanii turanii fi Sudaanittis waraanni ka’uu hordofee as gara Tigiraayitti kanneen deebi’aniiran gargaarsa dhabnee rakkachaa jirra jechuun sagalee Ameerikaatti himan. Erga gara biyyaatti deebinee ji’oota ja’aa ol lakkoofsiisne kan jedhan namoonni kunneen gargaarsa namoomaa argachaa hin jirrus jedhaniiru.

Obbo Gebire Libaanoos Kiduu waraana Itiyoophiyaa kaabaa baqaaf gara Sudaaniitti baqannee waggoota sadiif buufata baqattootaa keessa turre jedhanii Achhittis waraanni yommuu ka’u Komishiniin dhimma baqattootaa dhaabbata mootummoota gamtoomani gara biyya keenyaatti akka nu deebisu gaafannee gaaffii keenya yeroon waan hin deebisiin sodaa nageenyaa qabnurraa kan ka’e faddaalootaaf maallaqa kaffallee karaa Matammaa as deebine , deeggars IOM nuuf godheenimmoo gara Tigiraay seenne garuu deeggarsa homaayyuu argachaa hin jiruu jedhaniiru.

Naannoo Tigiraayitti biiroon dhimma hawwaasummaa fi deebisanii dhaabuu dhimma kanarratti gaafatamee naannichi humna waan hin qabneef kanneen baqarraa deebi’an kana gargaaruu hin dandeenye jechuun sagalee Ameerikaatti himeera. Hooganaan biirichaa Obbo Addareejjewu Shiishaay haala namoonni kunneen itti deeggaramuu danda’an irratti UNHCR fi mootummaa Federaalaa waliin dubbannee turre jedhanii garuu hanga ammaatti deeggarsi kennameef hin jiru jedhaniiru. UNHCR irraa deebii argachuuf yaaliin har’aaf taasise naaf hin milkoofne jechuun Finfinneerraa Gebire Mikaa’eel Gebire medihiinitu gaabase.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG