Xurree ittiin seenan

Breaking News

Filattoonni Yunaaytid Isteetis Kanneen  Miliyoonaan Lakkaa’aman Kibxata Har’a Sagalee Kennaa Jiru


Namoota sagalee kennuuf dabaree eeggatan, Niiw Yoork, Kibxata, Sadaasa 5, 2024.
Namoota sagalee kennuuf dabaree eeggatan, Niiw Yoork, Kibxata, Sadaasa 5, 2024.

Kunis itti aantuu pirezidaantii Kamalaa Haaris ykn pirezidaantii duraanii Doonaald Tiraamp keessaa tokko hogganaa biyyattii itti aanu ta’uuf murteessaa dha. Guyyaa Filannoo Kibxata har’a dursee lammiileen Ameerikaa miliyoona 81 ol ta’an buufata filannootti qaamaan argamuun ykn poostaadhaan sagalee dafanii kennaniiru.

Walumaagalatti filannoo bara 2020, yeroo prezidaant Joo Baayiden Tiraampiin injifatan sagalee kennan miliyoona 100 fi miliyoona 58 keessaa walakkaa ol ta’a. Injifannoo paartii Dimookiraatotaa ture kan hanga har’aatti Tiraamp seera sagalee kennuu fi lakkoofsa sagalee sobaatiin gowwoomfameera jedhu.

Tiraamp ba’ii Kibxata har’a kan fudhannu yoo filannoon kun haqaan gaggeeffama jedhanii xumuran qofa ta’u dubbataniiru. Qeeqxonni paartii Dimookiraatotaa immoo kana jechuun Tiraamp yoo injifate qofa jechuu akka ta’etti fudhatu jedhu.

Tiraamp fi Haaris lamaan isaanii iyyuu gareewwan abukaatoo bal’aa walitti qabuun dhimmoota sagalee kennuu fi sagalee lakkaa’uu Kibxata guyyaa, hanga galgalaa fi guyyoota itti aanutti, hanga mo’ataan ifa ta’e mul’atutti waan raawwatamuuf qopheessanii jiru.

Haaris torban hedduudhaaf duula filannoo gaggeessan keessatti injifachuuf carraan jiru hagas mara akka hin taanee dubbataa turan. Garuu yeroo dhiyoo asitti abdii guddaa qabaachuu isaanii ibsuun amma pirezidaantii biyyattii 47ffaa ta’uuf akka eegan dubbatan.

Yoo Haaris filatamtaman dubartii hoggantuun Ameerikaa ka jalqabaa, hidda dhaloota Eeshiyaa Kibbaa kan qababan yoo ta'u, Baaraak Obaamaa booda pirezidaantii Gurraacha isaan lammaffaa ta'u.

Filannoon daqiiqaa dhumaa irratti gaggeeffame akka agarsiisutti dorgommiin Haaris-Tiraamp kutaalee dirree falmii ta’an keessatti wal qixxee ta’u agarsiisa.

Forum

XS
SM
MD
LG