Pirezidaantiin duraanii Doonaald Tiraamp injifannoowwan ijoo kutaalee ijoo hedduu keessatti galmeessan hordofuun itti aantuu pirezidaantii ammaa Kamalaa Haaris injifachuun isaanii beekamee jira. Gabaastuun Sagalee Ameerikaa Kaaroliin Persuutii Ayyaana halkan filannoo Filooriidaatti kabajame irratti argamuun, Traamp injifannoo isaanii otuu maddeen oduu irra caalaan hin murteessiin dura beeksifatan gabaastee turte. Gama biraatiin, hoogganoonni biyyoota addunyaa injifachuu Doonaald Tiraamp ilaalchisee yaada isaanii kennaa jiran. Jaallannee tu dhiheessa.
Forum