Xurree ittiin seenan

Breaking News

Walga'ii Idiladdunyaa Finfinneetti Geggeessamerratti Jijjiiramni Qilleensaa fi Jeequmsi Siyaasaa Ammallee Akka Beela Hammeessaa Jiru Himame 

Walga'ii Idiladdunyaa Finfinneetti Geggeessamerratti Jijjiiramni Qilleensaa fi Jeequmsi Siyaasaa Ammallee Akka Beela Hammeessaa Jiru Himame 
please wait

No media source currently available

0:00 0:04:23 0:00

Jijjiiramni qilleensaa, waraansii fi beelli akka baballatuuf ka’umsa ta’aa jiraachuu Tokkummaan mootummootaa fi Gamtaan Afriikaa himan. Walgayiin Tokkummaa Mootummootaatti dhaabbata Misooma Indastirii guyyaa sadan darbaniif Finfinneetti gaggeeffamaa ture harra xumuramee jira.

Geeraald Muuler; Hoogganaan Waliigalaa Jaarmayaa Misooma Indastirii, beelli kan saboota addunyaa miidhaa jiru, biyyootni guddatan qooda gama isaanii irraa eegamu bahu dhabuu, kutannoon siyaasaas dhabamuu irraa kan ka’e jedhe. Gamtaan Afriikaas beelli ardicha keessa jira jedhe akka hir’atuuf, biyyoottan rakkina siyaasaa qaban akka furan gaafate.

Forum

XS
SM
MD
LG