Xurree ittiin seenan

Breaking News

Gumiin Waa’ee Qilleensa Addunyaa Dubbatu Har’a Azaarbajaan Keessatti Eegalee Jira


Gumiin Waa’ee Qilleensa Addunyaa Dubbatu Har’a Azaarbajaan Keessatti Eegalee Jira
please wait

No media source currently available

0:00 0:01:30 0:00

Ho’ina qilleensa addunyaa to’achuu fi dandamachuuf doolaara Tiriliyoonaan lakkaa’amu akka gaafatuu kan tilaaman ogeeyyiin biyyonni hiyyeeyyiin kana hin qaban jedhu. Mariin haala qilleensaa kan Tokkummaa Mootummoota yeroo jalqabu, dhimmi guddaan eenyu akka isaan gargaaruu danda’aa, keessumaa immoo maallaqa meeqatu barbaachiisa kan jedhu dha.

Maallaqni doolaaraa irratti mari’atamaa jiru baay’ee guddaadha. Gargaarsa maallaqaa doolaara biiliyoona 100 kan amma biyyonni hiyyeeyyiif deemu irraa eegala, Garuu ogeeyyiin akka jedhanitti barbaachisummaan isaa doolaara Tiriliyoona tokkoo fi isaa ol ta'a. Garuu mariin bara kanaa (COP29) kun akka bara darbee ol’aanaa hin ta’u, hoggantoonni biyyootaa 48 gadi akka dubbatan saganteeffamee jira. Hoggantoonni biyyoota faalama qilleensaa ol’aanoo qaban lamaan Chaayinaa fi Ameerikaan irratti hin argamne.

Garuu mariin waa’ee maallaqaa Baakuu keessatti ta’u kun yoo fashalaa’e, marii haala qilleensaa bara 2025 taasifamuuf jiru hanqiisa jedhu ogeeyyiin. Biyyoota dureeyyii saboota hiyyeeyyiif maallaqa arjoomuu jedhamee eegamu keessaa lama jechuun Ameerikaa fi Jarmaniin jijjiirama mootummaa guddaa gidduu jiru.

Jilli Ameerikaa Bulchiinsa Baayiden irraa ta’us, jijjiirama qilleensaa xiqqeessuu fi gargaarsa biyya alaa kan hin jaallanne Doonaald Tiraamp irra deebiin filatamuun waadaan Amerikaan galte akka hin raawwatamne taasis

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG