Xurree ittiin seenan

Breaking News

Godinaa Horroo Guduruu WallaggaaKeessatti Namoonni 130 Ol Otuu Mana-murtiitti Hin Dhihaatiin Ji’oota Toorbaaf Hidhaa Jiru, Jedhame

Godinaa Horroo Guduruu Wallaggaa Keessatti Namoonni 130 Ol Otuu Mana-murtiitti Hin Dhihaatiin Ji’oota Toorbaaf Hidhaa Jiru, Jedhame
please wait

No media source currently available

0:00 0:05:04 0:00

Naannoo Oromiyaa godina Horroo Guduruu Wallaggaa aanaa Amuruu qofatti namoonni 130 ol mana murtiitti osoo hin dhiyaatin ji'oota torbaa oliif mana hidhaa jiru jechuun maatiin isaanii keessaa Sagalee Ameerikaatti himan. Komishiniin Mirgoota Namooma Itiyoophiyaa gama isaaniin hidhamuu namoota kanaa eeruun isa qaqqabuu ibsee itti dhiyeenyaan hordofaa akka jiru Sagalee Ameerikaaf ibseera.

Hidhamuu namoota kanaa ilaalchisee, poolisii fi bulchiinsa aanaa Amuruu, Bulchiinsa godina Horroo Guduruu Wallaggaa ,Biiroo Nageenyaa fi Bulchiinsa naannoo Oromiyaa, Abbaa alangaa naannoo, Komishinii Poolisii Oromiyaa fi tajaajila Komunikeeshinii Mootummaa Federaalaa irraa deebii argachuuf yaliin taasisnee hanga gabaasaan kun tamsaasametti hin arganne. Tsahaay Daamxoo tu gabaase. .

Forum

XS
SM
MD
LG