Xurree ittiin seenan

Breaking News

Baqatoonni Lammiilee Eritiriyaa Shan Buufata Baqattootaa Alemwaac Keessa Turan Humnoota Nageenyaa Naannoo Amhaaraatin To’ataman


FAAYILII - Ijoollee Eertiraa moora baqattootaa Adi Haruush keessa jiran, Itoophiyaa, Waxabajjii 26, 2021.
FAAYILII - Ijoollee Eertiraa moora baqattootaa Adi Haruush keessa jiran, Itoophiyaa, Waxabajjii 26, 2021.

Lammiileen Eritiriyaa Shan kanneen baqatummaan buufata baqattootaa Godina Gondor Kaabaa, Alemwaac, keessatti argaman humnoota nageenyaa naannoo Amhaaraan to’annaa jala oolfamuun gara mana hidhaa magaalaa Daabaat kan fageenya Kiiloomeetira lama bakka buufata baqattootaa sanaa irratti argamu keessatti akka argaman namoonni Sagaleen Ameerikaa dubbiseeru himaniiru.

Namni warra to’annaa jala oolaniiranitti dhiyyeenya qabu kan Sagaleen Ameerikaa sababa nageenya isaaf jecha maqaa isaa hin ifoomsine bilbilaan Sagalee Ameerikaatti akka himetti inni fi namoonni sadii biroon gaafa sadaasa 12 bara 2024 waajjira dhimma baqattootaa kan Daabaat keessa jiru keessaa osoo ba’aa jirruu to’atamne jedheera. Akka inni jedhettis waajjirri dhimma baqattootaa koottaa ragaawwan keessan ququlleessaa jedhee nu waame , yommuu achii baanummoo poolisiin to’annaa jala nu oolche. Maalii akka to’atamne hin beeknu, hanga ammaattis mana murtiitti hin dhiyyaanne. Nuti baqattoota kooluugaltummaa barbaadnu malee kan siyaasa naannoo keessaas hirmaannaa hin qabne jechuunis ibseera.

Haati warraa nama biraa to’annaa jala jiruu kan biraan Sagalee Ameerikaaf yaada kennite sodaa nageenyaa qabduuf maqaan ishee akka hin himamne gaafateettu abbaan warraa ishee gaafa Sadaasa 13 Daabaat keessatti to’annaa jala ooluu fi maaliif akka ta’es sababni beekame hin jiru jetteetti. Namni biraan baqataa kooluu galtumaa gaafateeru ta’uu Sagalee Ameerikaaf himee fi maqaan isaa akka hin himamne gaafateeru immoo namoonni baqattoota ta’an kan maqaan isaanii Ismaa’eel Ahimad, Fisaahayee Kidaanee, Abduu Ahmeddiin, Meseret Gebiresillaasee fi Atakiltii Haayilee jedhaman mana hidhaa jiraachuu fi hanga maattis mana murtiitti hin dhiyyaatiin akka jiran himeera.

Bulchaa ganda Cilaa bakka buufanni baqattootaa kun itti argamu Minaalee Gibneeh dhimma kanarratti sagaleen Ameerikaa gaafate baqattoonni to’annaa jala oolfamuu odeeffannoo hin qabu jedhanii garuummoo baqattoonni tokko tokko yakkoota daddabarsa namootaa, saamichaa fi naannoo Amhaaraa keessa jiraqachuu hin qabnu jechuun hiriiroonni mormii akka taasifaman kanneen kakaasan jiraachuu sagalee Ameerikaatti himanii warri amma to’annaa jala oolaniiraniran garuu yakkoota kana waliin hidhannaa qabaachuu fi dhiisuu isaanii irratti waan mirkaneessan hin qaban.

UNHCR dhimma kanarratti kan gaafatame baqattoonni Shan kanneen buufata baqattootaa Aleemwaac keessa jiran karaa seeraan alaa namoota baqattootaa fi kanneen kooluu galtummaa barbaadan deeddebisuutiin himatamuun to’annaa jala oolfamuu quba qabna jedhee karaa haqa qabeessaan adeemsa himannaa isaanii akka taasifamuu fi hidhamtoonni kunneen bakka bu’isa seeraa akka argachuu isaanii mirkaneessuuf dhimmicha hordofaa akka jiru ibseera. Gabaasni kan Gebiremikaa’eel Gebiremedihiin.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG