Xurree ittiin seenan

Breaking News

Naannoo Tigiraayitti Marsaa Jalqabatiin Loltoota Duranii Kuma 75 Hidhannoo Hikkachiisuu fi Gara Haaroomsaatti Seensisuun Jalqabame


Naannoo Tigiraayitti Marsaa Jalqabatiin Loltoota Duranii Kuma 75 Hidhannoo Hikkachiisuu fi Gara Haaroomsaatti Seensisuun Jalqabame
please wait

No media source currently available

0:00 0:02:22 0:00

Loltoota duraanii kanneen hidhannoo meeshaa waraanaa salphaa of harkaa qaban hiikkachiisuun gara gidduu galoota haroomsaatti seensisuun har’a Kamisa, Sadaasa 12 bara 2017 Naannoo Tigiraay keessatti kan jalqabe yommuu ta’u marsaa duraa kanaanis loltoonni duraanii Kuma 75 meeshaa hiikkachuun leenjii haaromsaa erga fudhataniin booda gara uummataatti akka dabalaman Komishiini haaroomsa biyyaleessaatti Itti aanaa kan ta’an Birgaadeer Jeneraal Derribee Mekuriyaa Magaalaa Maqaleetti har’a saganticha jalqabisiisurratti kan argaman ibsaniiru. Ibsa isaanii keesatti marsaa Kanaan dubartootaa fi kanneen waraana irratti miidhaan qaamaa isaan irra ga’eeruuf dursi kennamuus eeranii kanneen looltummaan turanirraa kaasee hanga aangoo Jeneraalaatti turan as keessatti hammatamaniirus jedhaniiru.

Hoogganaan biiroo nageenyaa naannoo Tigiraay Leteenaant Jeneeral Fissahee Kidaanuu gama isaniin Uummanni naannichaa fi hooggantoonni isaa ofirraa ittisuuf waraanatti akka seene yaadachiisanii walii galteen Piriitooriyaa guutummaan hojiirra akka ooluuf qophiidha jedhanii , walii galtichi guutummaa guutuutti hojiirra kan oolu kanneen qe’ee isaaniirraa buqqa’aniiranii fi daangaan bulchiinsa Tigiraay isa yeroo wal waraansaan dura tureetti yommuu deebi’udhas jedhan. Abbootii qabeenyaa fi dhalattoonni Tigiraay kanneen biyya alaa jiran loltoota amma hidhannoo meeshaa waraanaa hikkatanii gara uummataatti dabalaman kanaaf gargaarsa akka taasisniifis waamicha dhiyyeessaniiru.

Warra har’a hidhannoo hiikkachuun gara gidduu gala haroomsaatti seenaa jiran keessaa tokko kan ta’e Amaanu’eel Melles gammachuu qabna. Dura biyya keenyaaf jennee baane, ammammoo warra jiranirraa adda baasuun nu gaggeessaa jiru gammachuun fudhanneera. Ani jalqaba nama siiliviin ture, dhimmichi yommuu uumamuun gara kanatti seene. Amma jireenya keenya gaggeeffachuuf qophoofneerra, gara hojii koo duraaniittin deeb’a jedheenis abdadhas jedhe.

Loltoota duraanii hidhannoo hiikkachuun gara uummataatti dabalaman tokkoon tokkoo isaaniif dura kan doolara Ameerikaa 800 , boodarras doolaara 1000 tti akka ittiin dhaabbataniif akka kennamuuf jirus waltajjicharratti ibsameera.

Dhaabbata Gamtaa Afiriikaatti hojiirra oolmaa walii galtee Piriitooriyaa jila to’atuuf hoogganaa kan ta’e Meejeer Jeneeraal Isteefen Radiinaa waltajjii kanarratti akan argamaniiran kana dura meeshaaleen waraanaa gurguddoo fi gidduu galeessaa hiikkatamuun wal harkaa fudhiinsi taasifamuu ibsanii har’as meeshaaleen waraanaa xixiqqaan hiikkatamuu fi loltoonni gara gidduu gala haaromsaatti jalqabuun walii galtichi hojiirra ooluu isaaf agarsiiftuudha jedhaniiru. Itti dabaluunis gidduu galoonni haroomsaa , Maqalee, Idaagaa Hamusii fi Aduwaatti qophaa’uus himaniiru jechuun Maqalee irraa Muluugeetaa Astibahaatu gabaase.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG