Gumii falmisiisaa ABUTiif itti aanaa dura taa’aa ta’uun kan filataman obbo Amaanu’el Asaffaa Roobii har’aa Sadaasa 18 bara 2017 sabaa himaaf ibsa kennaniin, gumii jsana booda aanaalee fi maaalaalee keessatti paartiin isaanii fooyyeffama bulochiisaa taasisuu isaa dubbatan. Manne maree aanaalee fi magaalaalee sagalee irra jireessaa kan ABUTn qabamanii waan jiraniif, akkuma kanaan hojii hoogganoota wayyaawoo taanii geggeessineerra jedhan Bulchiinsa yeroo keessa kanneen jiran prezidaantii naannichaa dabalatee bakka bu’umsa hoogganoota 13 ABUT duraan haqeera kan jedhan Obbo Amaanu’el, Obbo Geetaachoo Reddaa “prezidaantii duraanii” jechuun waamaniiru. Obbo Geetaachoon kan duraanii erga jedhamanii amma naannoo sana eenyutu hooggana jechuun gaaffii dhiyaateef Obbo Amaanu’el ennaa deebisan, bakka bu’ummaan perzidaantii ennaa ka’u, bakka prezidaantichi hin jiraannetti eenyu akka hojjetu beekamaa dha. Kanaaf qaawwaan aangoo hin uumamu jedhan.
ABUT kan bakka buuse namoonni murtaa’an bakka bu’ummaa isaa kaasaniiru. Kanaafi kan prezidaantii duraanii jecha jedhu kan ani gargaarameef jedhan. mul’inatti garuu akka ilaalcha isaaniitti naannoo sana eenyu geggeessaa akka jiru hin dubbanne. Prezidaantii bulchiisa yeroo kan bakka bu’u ilaalchisee ABUT mootummaa federaalaa waliin dubbataa jira kan jedhan Obbo Amaanu’el, ba’ii isaa ni beeksisna jedhan.
Prezidaantichi bulchiinsichaa Geetaachoo Reddaa dhiyeenya ibsa kennaniin, Doktor Debretsiyoon Gerbremikaa’eliin kan hoogganamu gareen ABUT bulchiinsichi yeroo kan naannoo hojii isaa akka hin hojjenne danquu dabalatee manneen maree aanaalee gargaaramuu dhaan bulchitoota mootummaa dhaan ramadaman akka aangoo irraa ka’an taasisaa jira, kun immoo fonqolcha mootummaa ti jechuun himachuun isaanii ni yaadatama.
Obbo Amaanu’el bulchiinsichi yeroo karoora ittiin geggeessamu utuu hin qoopheessin oofamaa jira jechuu dhaan qeeqaniiru. Hidhattoota duraanii hiikkachiisuu fi gara waaltaa haaromsaatti adeeemsi galchuus sirrii akka hin taane kan ibsan Obbo Amaanu’el, loltoonni duraanii maallaqi isaaniif kennamu xiqqaa dha akkasumas gara maatii isaaniitti erga deebi’anii booda dhaabbataa dhaan jireenya isaanii malli itti geggeessan hin qophoofne jedhan.
Obbo Geetaachoon kaa ilaalchisee duraan ibsa kennaniin, marsaa duraan kanneen hidhannoo hiikkatan, kanneen gegeessamaniif deebisanii dhaabsisaman loltoonni duraanii kuma 75ta’uu isaaniif adeemsicha ilaalchisees rakkoon tokko iyyuu hin jiru jedhanii, Tigraayiif kan humni wareegama baase qarshiin milioonni iyyuu yoo kennameef isa hin gitu jedhan.
Obbo Amaanu’el ibsa isaanii har’aatiin bulchiinsi yeroo ABUTiin hookkaraan diiguuf dargaggoota leenjisaa jira jechuunis yakkaniiru.
Yakka kana ilaalchisee waajjira kominikeeshinii bulchiisa yeroo biraa deebii argachuuf yaaliin ta’e hin milkoofne Hoogganoota ABUT gidduutti falmii uumame hordofee bulchiisa yeroo qabachuuf dorgommii taasisamu ilaalchisee mootummaa federaalaa biraa mul’inatti waan jedhame hin jiru jechuun Mulugeta Atsbehaa gabaaseera.
Forum