Xurree ittiin seenan

Breaking News

Sigiga Lafaa Ugaandaa Keessatti Raawwate Lubbuu Namoota 13 Galaafate

Sigiga Lafaa Ugaandaa Keessatti Raawwate Lubbuu Namoota 13 Galaafate
Sigiga Lafaa Ugaandaa Keessatti Raawwate Lubbuu Namoota 13 Galaafate

Roobaa cimaa gaarreen aanaa Bulaambuliitti roobeen sigiga lafaa uumaameen Yugaandaattii lubbuun namoota 13 darbuu dhaabbanni fannoo diimaa Yuugaandaa yommuu beeksiisu akka anagawoonni jedhanittimmoo lakkoofsi namoota du’anii gara 30tti ol guddachuu danda’a. Aannaa Bulaambulii kan Kampaalaa gara lixaatti fageenya Kiiloomeetira 280 irratti argamtu gandoota ja’a keessatti manneen jireenyaa 40 sababa sigiga lafaa Kanaan Roobii kaleessaa halkan lafa jalatti awwaalamuu dhaabbaileen baraarsitootaa yommuu ibsan balaan kunis lafa heektaara 20 irratti balaa cimaa geessiseeras jedhameera.

Suuraaleenii fi viidiyoowwan toora miidiyaa hawwaasaa irratti gadhiifaman akka agarsiisaniitti namoota lafa jalatti awwalaman yommuu qotanii baasanii fi manneen kaan wallakkaan kaanimmoo guutummaan kan liqimfamanii jirantu mul’ata. Maashiinoonni lafa qotan garasiitti ergamuu kan ibsan angawoonni garuu sababa balaa sigiga lafaa uumame Kanaan daandiiwwan manca’eeraa jedhan.

Forum

XS
SM
MD
LG