Xurree ittiin seenan

Breaking News

Preezidaant Baayiden Ilma Isaaniif Dhiifa Taasiisan


Prezidaant Baayidenii fi ilma isaanii Haantar Baayiden
Prezidaant Baayidenii fi ilma isaanii Haantar Baayiden

Pirezidaantiin Joo Baayiden ilma isaanii Haantar Baayiden kan jalqaba bara kanaa yakka qawwee federaalaa sadii fi himannaa dilaalaa federaalaatiin itti murtaa’ef dhiifama gochuu isaanii Dilbata kaleessaa beeksisaniiru.

Baayiden kanaan dura tarkaanfii akkanaa akka hin fudhanne waadaa galanii turan. Garuu ibsa Dilbata kaleessaa baasaniin tarkaanfiin kun himannaa filatamaa fi haqa hin qabne jechuun waaman kanaaf deebii ta'uu dubbataniiru.

''Himannaan dhimma isaa irratti dhiyaate erga mormitoonni koo kan siyaasaa hedduun Kongireesii keessa jiran natti duulanii filatamuu koo akka morman tuttuqanii booda qofa'' jedhan Baayiden.

Haantar Baayiden baatii waxabajjii keessa qawwee bitachuu isaatiin yakka cimaa sadiitiin itti murtaa'e. Abbaan alangaa akka jedhanitti unka federaalaan seeraan ala qoricha sammuu namaa hadoochu akka hin fayyadamne ykn araada akka hin qabne sobaan dubbate jedhu.

Kana malees dhimma gibiraa yoo xiqqaate doolaara miiliyoona 1.4 kaffaluu dhabuu isaatiin himatame irrattis yakka isaa amanee jira.

Tarkaanfiin pirezidaan Baayiden Dilbata darbe fudhatan kun dhimmoota lamaan irratt akkasumas Amajjii 1 bara 2014 hanga Amajjii 1 bara 2024 gidduutti Haantar Baayiden “yakka hojjete ykn raawwachuu danda’u ykn hirmaachuu danda’u” kamiyyuuF dhiifama taasiseera.

''Guyyoota dukkanaa'oo yeroon araada keessa tureetti dogoggora rawwadhee amaneef itti gaafatamummaa fudhadheera. Siyaasaaf jecha dogoggora anaa fi maatii koo ifatti salphisuuf itti fayyadame,'' jechuun Haantar Baayiden ibsa baaseen dubbateera.

Forum

XS
SM
MD
LG