Milishoonni Iraaq kanneen Iraaniin deeggaraman finciltoonni magaalaa guddittii Aleppoo qabatan irratti tarkaanfii tasaa mootummaan siriyaa fudhatu deeggaruuf jecha biyyatti keessatti bobbaafamuu isaanii ibsamee jira.Kanas angawaa milishaa fi kanneen wal waraansa Siriyaa keessaa hordoofantu hime.
Finciltoonni garee jihaada Haayaat Taahrir al-Shaamtiin durfamu torbee darbe Aleppoo irratti haleellaa kallattii lamaan kan jalqaban yoo ta’u gara baadiyyaa naannoo Idlib fi bulchiinsa ollaa Hamaatti ce’aniiru.
Loltoonni mootummaa siriiyaa sarara ittisaa cimaa Hamaa kaabatti ijaaruun sochii finciltootaa dhaabuuf yaaluun jeettiiwwan immoo Dilbata kaleessaa sarara finciltootaan qabaman rukutan.
Ministirri Dhimma Alaa Iraan Abbaas Araaghichi Dilbata darbe kana Pirezidaantii Siiriyaa Baashaar Al Asaad waliin Damaasqoo keessatti wal arganii Tehran mootummaa siriyaaf deeggarsa guutuu akka gootu beeksisaniiru.
Boodarra ammoo deeggartoota finciltoota ijoo keessaa tokko kan taate Tarkii Ankaaraa mariidhaaf seenanii jiru.
Akka gareen hordoffii waraana mormitootaa siriyaa kan Biriteen keessatti maadheeffate (Observatory for Human Rights) jedhutti, milishoonni Iraaq gara 200 ta’an konkolaataa duubaan banaa (pikaappii) irra turan halkan tokkotti karaa qaxxaamuraa tarsiimoo Bou Kamaal gara Siiriyaa qaxxaamuraniiru.
Waraanni Siiriyaa finciltoota kana duubatti akka deebisuu deeggaruuf Aleppootti bobbaasuu jedhamee eegamaa ture jedha gareen hordoffiin kun.
Haleellaan qilleensaan Siiriyaa fi Raashiyaan bakka finciltootaa irratti raawwatan irra caalaa bulchiinsa Hamaa fi Idlib keessatti itti fufeera.
Magaalaa fi bulchiinsa Idlib keessatti yoo xiqqaate namoonni nagaa 10 ajjeefamaniiru jedha caasaan Ittisa Siiviilii Siiriyaa naannoo mormitoonni qabatanii jiranti jedha.
Forum