Tapha kubbaa milaa Istaadiyoomii Giinii keessatti gaggeeffame irratti Taphachisaan murtii kenne fi falmisiisaa ta'een booda hokkara uumameen namoonni 56 du'uu mootummaaan har’a beeksisee jira.
Duuti kun kan mudate dorgommii xumuraa kabaja hogganaa waraanaa Giinii Maamadii Doumbooysaaf magaalota gurguddoo biyyattii keessaa tokko kan taate Nzerekoree keessatti Istaadiyoomii keessatti gaggeeffame irratti ture.
Deeggartoonni hangii tokko dhagaa darbachuun rifaatuu fi wal itti bu’iinsa uumuun isaa ibsi mootummaa baasee hubachiisee qorannoon akka gaggeeffamu waadaa galeera.
Viidiyoon dhaabbatti oduu Rooyitars mirkaneesse akka agarsisuutti namoonni kurnootaan lakkaa'aman miliquuf jecha dallaa olka'aa staadiyoomii irraa ol ba’uuf ennaa yaalan agarsiisa.
Qondaalli bulchiinsa magaalattii kan maqaan isaanii akka hin dhahamne gaafatan akka jedhanti namoonni miidhaman hedduun daa'imman umuriin isaanii hin geenye ta'uu kunis erga polisiin Gaaza imimmaansuu eega gargaaramee booda jedhan.
Qondaalli kun haallii burjaajii fi jeequmsaa uumameen maatiin tokko tokko osoo ifatti hin lakkaa'amin dura reeffa fudhachuu isaanii ibsaniiru.
Viidiyoowwanii fi suuraawwan toora intarneettii irratti qoodaman miidhamtoonni lafa irratti tarreeffamanii akka jiran agarsiisa. Viidiyoo tokko irratti qaamota hin tochoone kurnootaa ol taʼan kan mulʼatan siʼa taʼu isaan keessaa hedduun isaanii ijoollee dha.
Rooyitars waan qoodamee sana battalumatti mirkaneessuu hin dandeenye.
Forum