Xurree ittiin seenan

Breaking News

Tigraay Keessatti Kanneen Shamarree Butanii Ajjeesan Adabnii Itti Muramee Jira


Tigraay Keessatti kanneen Yakka Ajjeechaa Shamarree tokko irratti raawwatan irratti adabi murame
Tigraay Keessatti kanneen Yakka Ajjeechaa Shamarree tokko irratti raawwatan irratti adabi murame

Bulchiinsa naannoo Tigraay magaalaa Adwaa keessatti shamarree ol adeemtuu umriin 16 Maahleet Teklaay iggitanii kan ajjeesan namoonni lama adabbii du’aa fi hidhaa umrii guutuu irratti muaramee jira.

Manni murtii Godiina Maqalee wiixata har’a murtii kenne kanaan himatamaa 1ffaa Awwat Haagoos kan umriin 24 du’an, himatamaa 2ffaa Naahoom Fitsuum kan umriin 20 hidhaa umrii giituun akka adabaman murteessee jira

Abbaan Maahleet Obbo Taklaay Girmaay murtii kana akka fudhatan ibsanii hojii irra akka olfamuufis gaafatanii jiru.

Waajirri Abbaa Alangaa kan magaalaa Maqalee gama isaan murtiin kennamee kun midhaan dubartoota irratti raawwatamuu akka itti hin fuufneef baruumsa kenna jedhe.

Bulchiinsii Naannoo Tigraay torban dabree miidhaan Dubartoota irra ga’u akka dhaabatu akkasumas midhamtootaaf murtiin haqaa akka kennamuu gochuuf waltajjii qopheessee ture.

Waldaan dubartoota Tigraay waltajjii sana irratti gabaasa baaseen wagga tokko keessatti Dubartonni 783 hokkarri saalaa, ajjeechaa fi qaamaa hir’achuun kan irratti rawwatamee ta’u ibsee jira.

Kanneen keessaa 44 ajjeefamuu ibsee isaan kana keessaa 24 abbaa warraa isaaniin ajjeefaman jechuu isaa Muluugeetaa Atsbahaa Maqalee irraa gabaasee jira.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:52 0:00
More
XS
SM
MD
LG