Gareen taajjabdoota mirga namoomaa Siiriyaa akka ibsetti Kibxata har’aa gareen riphee loltoota Islaamummaa inni Hayaat Tahriir Al-shaam jedhamuu fi kanneen isa waliin hiriiraniiran lola mootummaa waliin taasisaa jiraniin Siiriyaa naannoo magaalaa gidduu galeessa biyyattittii furtuu taate Haamaa to’achaa jiru jedheera. Lolichi torbaan darbeerra kan jalqabe gareen Riphee loltootaa kun jalqabarra ofirraa ittisuu salphaa kan jalqabe amma gara lola guddaatti cee’uun lafoota mootummaan Siiriyaa aangoo irra jiru bulchaa ture maagaalaa guddittii lammaffaa Aleeppoo dabalatee irraa fudhataniiru.
Wal waraansichi Haamaa gara kaabaatti bakkoota gareen finciltootaa kun qabatanii jiranitti kan jalqabe yommuu ta’u xiyyaaroonni humna waraanaa Siriiyaa fi Raashiyaa qilleensarran halleellaawan hedduu fudhachaa jiras jedhameera. Ejeensiin oduu mootummaa inni SANA jedhamu akka gabaaseetimmoo Haamaa Kaaba bahaa keessatti mootummaan humnoota finciltootaa irratti haleellaa raawwachaa jira jedheera.
Haamaan bakka murteessaa Aleppoo irraan Magaalaa guddittii biyyattii Damaaskasiin wal qunnamsiiftudha.
Waraanni Siiriyaa keessaa bara 2015-tti erga jalqabee kaasee Raasiyaan Pireezidaantii Siiriyaa Bashar Al Asaadiin deeggaruu akkuma itti fuftetti jirti.
Forum