Xurree ittiin seenan

Breaking News

Karoorri Tiraamp Dilaala Kanadaa Irratti Dabaluu Lammiiwwan Ameerikaas Ni Miidha Jedhu Muummeen Ministira Kaanaadaa


Karoorri Tiraamp Dilaala Kanadaa Irratti Dabaluu Lammiiwwan Ameerikaas Ni Miidha Jedhu Muummeen Ministira Kaanaadaa
Karoorri Tiraamp Dilaala Kanadaa Irratti Dabaluu Lammiiwwan Ameerikaas Ni Miidha Jedhu Muummeen Ministira Kaanaadaa

Ministirri Muummee Kanaadaa Jastiin Tirudoo Pireezidaantiin Yuunayitid Isteetisi filatame Doonaaldi Tiraampi karoora daballi qaraxaa oomishaalee Kaanaadaa irra kaa’a jedhan kan hojiitti hiikan yoo ta’e Kaanaadaa qofa osoo hin taane Ameerikaanoonnillee miidhamuu malu jechun Tiraampitti himuu isaanii minsitirri nageenya uummataa Kaanaadaa Dominik Libilaank ibsan.

Minstirichi Wiixata kaleessaa akka ibsanitti pireezidaantiin filatame Tiraammpii fi ministirri muummee Kanaadaa Tiruudoon Jimaata darbe Kilabii Mralaagoo kan Tiraampi keessatti affeerraa Irbaataa irratti wal arguun marii’ataniiru jedhee, Isa torbaan darbe toora miidiyaa hawwasaa isaa irratti ajaja hojii raawwachisuu jalqabarratti dabarsuun meeshaalee Kanaadaa fi Meeksikoo irraa gara Yuunaayitid Isteetisitti seensifamanirratti qaraxa dhibbeentaa 25 akka kaa’u ibsee irratti dubbachuu fi Tiruudoon Tiraampi kana kan taasisu yoo ta’e Kaanaadaa qofaa osoo hin taane Ameerikanoonnillee miidhamuu malu jechuu isaa himeera.

Akka Ibsa Tiraampitti Kanaadaa fi Meeksikoon karaa daangaa isaanii qorichoota sammuu namaa adoochan fi baqattoota gara Yuunaayitid Isteetisi seenan ittisuu dhabuu isaaniitiin jedheera. Kaanadaan karaa Kaaabaa Yuunaayitidi Isteetisiin daangessitu karaa Kibbaan kan Meeksikoo waliin hommayyuu waanti walitti ishee fidu hin jiru jechuunis Tiruudoon Tiraampiif ibsuu kan hime Ministirichi waliin dubbiin isaanii gaarii ture jedhee garuu waa’ee qaraxa meeshaalee irratti dabaluu irratti Tiraampi irraa deebii mirkanaa’e osoo hin argatiin affeerraa Irbaataa sanaan booda gara Kaanadaatti deebi’eeras jedheera.

Kaanadaan Kutaale biyyoota Yuunaayitid Isteetisi 36’f bakka al ergii guddaa yommuu taatu guyyatti meeshaalee fi tajaajiloonni maallaqa Kaanadaa Doolaara biiliyoona 3.6 ykn kan Yuunaayitid Isteetisiin doolaara biiliyoona 2.7 gara daangaa lamaanii gidduutti daldalamaa oolu. Boba’aa hin qulqullaa’iin gara Yuunaayitid Isteetisitti seensifaman keessaa dhibbeentaan 60 Kaanadaa irraa yommuu ta’u humni elektirikaa dhibeentaan 85 Yuunaayitid Isteetisi irraa argatti.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG