Bara aangoo Pireezidaantummaa isaatti daawwannaa jalqabaa biyyoota Afirikaatti kan taasise Baayiden Roobii kaleessaa buufata doonii galaanarraa Angoolaa Lobitoo daawwataniiru. Misoooma koriidarii daandii baaburaa dheerina Kiloomeetira 1,300 dheeratu kan buufaticha waliin wal quunnamsiisu deeggarsa maallaqaa Yuunaayitid Isteetisiin kan ijaarame Albuudoota Afirikaa iraa gara biyyoota kaaniitti geejibsiisuuf hulaa murteessaadhas jedhameera. Ijaarsa daandii baaburaa kan Zaambiyaa waliinis wal quunnamsiisa jedhame kanaaf Yuunaayitid Isteetisi maallaq Doolara biiliyoona Afur kan ramadde yommuu ta’u Baayideen waggaa darbe michoota keenya warra garee biyyoota Torbaa ykn G7 waliin piroojektii kana jalqabsiifnu kaayyoon keenya fuulduree gaari uumuu akka ta’e dubbadheera jedhee , fuldureen keenyas kunoot jechuun Roobii kaleessaa wayita daawwannicharra jiru kan dubbate. Misoomni koriidarii daandii kun yommuu xumuramutti daandii imala guyyoota 45 fudhatu ture sa’aatiiwwan 48 keessatti akka xumuramu taasiisa jedhameera.
Baayideen Roobii kaleessaa Yuunaayitid Isteetisi Daandii baaburaa, misooma koriidarii fi qonnaa babbal’isuuf oolu Inveestimeenti biraa doolaara miiliyoona dhibba ja’aa akka taasiftu himeera. Kunis piroojektii Chaayinaa isa Beelti and Rood Inishiyeetiiv jedhamu waliin wal bira qabamee ilaamu xiqqaa ta’us Baayideen Yuunaayitid Isteetisi michuu dhugaa Afirikaa ta’uu barbaaddi jechuun ibseera.
Forum