Karooraa dhaabbata mootummoota gamtoomanii jalatti, biyya hokoraan jeeqamaa jirtu Heeyitii keessatti nageenyaa kabachisuudhaaf Poolisoota biyya Keeniyaa boba’an 400 keessaa 20 kan ta’an hojii isaanii gadi dhiidudhaaf kan gaafatan, waan mindaan isaanii ji’a Onkoloolesatii kaasee hin kennamneef akka ta’e maddi oduu Rooyiters gabaseera.
Poolisoota keeniyaa gaafii kana dhiyeesan keessaa kanneen maqaan isaanii akka hin dhahamne gaafatan Sadii akka jedhanitti, mindaa isaanii yeroodhaan argachuu dhabuudhaa alattis, hanqinaa meeshaa waraanaatiin kan ka’e , waan hidhatootaa Heeyitii wajjin wal gituu hin dandeenyeef hamileen isaanii miidhamee soda keessa seenanii jiru.
Xalayaa hojii gadi lakisuu Poolisotaa kana irratti akka deebii kennen kan gaafatama dubbii himaan dhaabata poolisii biyyaalessaa keeniyaa gaaffii dhihaateef deebii akka hin kenine kan ibsee Rooyiters, ajajan Poolisii biyyaalessaa Daagilaas Kanjaa dhimmichaa irratti yaada dhabilee miidiyaa biyyatiif Roobii dheengadaa kennaniin, poolisoonii Heeyitii jiran amma dhuma ji’a Onkoloolessatti mindaa isaanii akka argatan himuun isaanii gabaaseera.
Miseensonni Poolisoota keeniyaa Sadan garuu deebii haangaa pooliss kana mormanii kana mindaan isaaniif kenname dhuma ji’a Fulbaanaa keessa ta’uu isaa ibsaniiru.
Nageenyaa biyya Heeyitii kabachiisuudhaaf umnoottan nageenyaa 2500 biyyoottan 10 keessaa bahan akka hirmaatan kan kaaroorfame yemmuu ta’u, isaan keessaa poolisoonni Keeniiya dursanii acchi gahan 400 hanqina baajataa fi hanqinaa umna namatiin kan ka’ee dirqama isaanii amma yaadametti bahuu akka hin dandeenye kan ibse maddii oduu Rooyiters, Poolisootaa hojii isaanii gadi lakisuuf gaafatan keessaa Shan sadarkaa ajajaa irra kan jiran akka ta’an eerera.
Forum