Xurree ittiin seenan

Breaking News

Amnestii Internaashinaal Israa’el Saba Paalastaayin Irratti Duguuggaa Sanyii Raawwachaa Jirtii Jedhe


Amnestii Internaashinaal Israa’el Saba Paalastaayin Irratti Duguuggaa Sanyii Raawwachaa Jirtii Jedhe
please wait

No media source currently available

0:00 0:02:00 0:00

Lola Israa’eli fi Hamaas giddutti ji’oottan 14 fi taasifaama jiruun lammilee Palastaayin du’an kumaa 44 keessaa kumnii 13 ijoolleewwan ta’uu isaanii jaarmiyaan fayya paalastayin kan beeksisee yemmuu ta’u , Aminestii Internaashinaala ibsa kaleesaa baaseen gochiichii akka duguuggaa sanyiitti kan fudhatamu akka ta’e ibseera.
Hoggantuun Aminestii Internashinaal, Agnès Callamard gochii lammiilee plastaayin Gaazaa keessa jiraatan baleesuuf itti yaadamee waan godhamee fi godhamma jiru akka ta’e ibsanii, haanga’onni waraana Israa’el jechootaa seera aduunyaa jalatti, akka yakkatti fudhataman fayadamuu isaaniitif akka raga qaban himaniiru.

Gareen Hammas, manoottan baruumsaa fi Hospitaalotaa keessa riphuudhaan, namoottan nagaa akka gaachaanaatti akka fayyadamaa jiru kan ibsan haanga’onni mootummaa Israa’el, ibsii Aminestii Internaashinaal waan dhugaa hin taaneefi bu’ura kan hin qabne akka ta’e ibsaniiru.
Haanga’onni israa’el itti dabaluudhaan Onkoloolessaa 7 bara 2023 gareen Hamaas haleellaa lammilee Israa’el irratti raawwateen namoottan 1200 ajjeesuun isaa akka gochaa duguuggaa sanyiitti fudhatamuu qabaa jedha. Amnistee internaashinaal, yunaayitid Isteets mootummaa Isra’eliif meeshaa waraanaa kennuudhaan gochaa yakkaa raawwatamef gumaachaa jirti jechuudhaan hubachisa kennee jira.

Dhaabata mootummoota gamtoomanitti ambassadara Israa’el kan ta’an Daanii Daanoon, Roobii dheegadaa ibsaa kennaniin,biyyi isaanii balaa of irraa ittisuudhaafi nageenyaa lammii biyaa isheetiif lolu akka itti fuftu ibsuun isaanii gabaasameera. Akka dhaabbanni mootummoota gamtoomanii jedhetti lammilee Paalstayin miiliyoonii tokko fi qabxii 9 ta’an ykn dhibeentaan 90n qe’ee isaanii dhiisanii baqachuuf dirqisisamaniiru.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG