Haanga’onni mootummaa Somaaliyaa sagalee Amerikaattif akka ibsanitti, prezidaantiin biyyaa Turkii, Taayyib Resiip Erduwaan, affeerraa taasisaniin, prezidaatiin mootummaa Somaaliyaa Hassan Sheek Mohaamud gara Turkii deemu.
Haanga’onni eenyumaan isaanii akka ibsamu hin barbaanne akka jedhaniitti, hoggantoonni lamman prezidaantii Turkii wajjin kopha kophaatti walarguuf akka deeman dubbataniiru. Prezidaantiin Somaliyaa fi muumichii ministraa Ityoophiyaa Abiy Ahimad fuuleetti wal arguuf dhiisuu isaanii irratti haanga’onii kun wantii dubbatan hin jiru.
Amajji 1 bara 2014 mootummaan Ityoophiyaa fi Kutaan Somaalilaand ergaa waliigaltee ulaa galaanaa malateesanii boodaa , waldhabdee Ityoophiyaa fi Somaaliya gidduutti umamme mariidhaan hiikudhaaf yaaliin ji’a Adoolessaa fi Yagayyaa keessa biyya Turkii keessatti taasifamee ittu hin milkaa’in kan hafe yemmuu ta’u, marsaan sadaffan Ji’a Fulbaanaa keesaa taasifamuuf karoorfamee ture ittu hin raawwatamiin hafee yeroo biraatti darbeera. Waldhabdee biyyootan lamman giduu jiru kana hiikuudhaaf prezidaanti biyya Ugaandaa Yuweerii Museveeni wajjin ta’uudhaan Prezidaantti mootummaa Somaaliyaa fi muummicha minissteeraa Ityoophiyaa haasofsiisuudhaaf akka karoora qaban prezidaantiin Keniyaa Wiliyaam Ruuto dhiheenyaa kan ibsuun isaanii ni beekama.
Forum