Guyya mirga namoomaa Muddee 10 yaadatamee oluu ilaachisuudhaan dhaabanni mootumoota gamtoomanii ibsaa baseen, yemmuu adduunyaan balaa dhibee koovid 19 irraa guutummaatti hin dandamanne kannati, namoottan milliyoonaytti lakkawaman, iyyumaa, beelaa, sirna fayyaa fi baruumsaa dadhabaa ta’e keessatti danqamanii akka jiran beeksiseera.
Guyyiicha ilaalchisuudhaan kan dubbatan barreesaa olaanaan Dhaabata mootumoota gamtoomanii Antooniyoo Guteerees, yeroo amma walitti bu’insii babbalachaa dhufuu isaa, seerri adduunyaa haa ta’u jedhamee tuffatamuu isaa, loogiinii fi afarsii jibiinsaa babalachaa waan deemaa jiruuf eegumsi mirga namoomaa balaa keesaa jiraachuu isaa ibsanii, dhaabbanni mootumoota gamtoomani itti gaafatamumaa mirkaneesuu, hawaasa adduunyaatiif eegumsaa taasisuu fi nageenyaa waara qabeessa ta’e umuu irratti hojjachaa jiraachu isaa himaniiru.
Mirgaawwan dubartootaa fi ijoolleewwan durbaa sarbamaa jiraachuu isaa kan ibsee dhaabbanii mootumoota gamtoomanii, Africaa keessatti, keessumaa biyyootan akka Somaliyaa keessatti mirgii dubartootaa sarbamaa akka jiru eeree, dubartoonii haalii nageenyaa keessatti akka shoora hogansaa taphachuu qaban beeksisera.
Karaa biraatiin, dhaabata mootumoota gamtoomanitti, komishiinerrii jarmiyaa mirga namoomaa Vooloker Turk , eegumsii miga namoomaaf taasifamu hookkorri, walitti bu’insii fi sarbiinsii ittu hin umamin duraa ittisuudhaaf akka gargaaru ibsanii jiru. Guyyaa kana ilaachisuudhaan ibsaa kan keennee jaarmiyaan mirgaa namoomatiif falmu Hiyumaan raayits wooch/ HRW ,mootummoonni Afrikaa gargaarsa idil-addunyaa gahaa hin taanee waan argachaa turaniif bara 2023 guutuu yakka waraanaa fi rakkoon namoomaa sodaachisaa ta’e isaan mudateera jedheera.
Dhaadannoon guyyaa mirga namoomaa bara kanaa “ mirga keenyaa, egeree keenyaa , ammaan kana “ kan jedhuu akka ta’e beekameera.
Forum