Xurree ittiin seenan

Breaking News

Bakka-Bu'oonni Uummataa Naannoo Amaaraa Mana Hidhaa Jiran 2 Hospitaalatti Wal'aansi Baqaqsanii Hodhuu Taasisamuufii Abukaatoon Isaanii Himan


Miseensa Manna Maree Bulchiinsa Naannoo Amaaraa duraanii Obbo Yohaanis Bu’ayaaleewu
Miseensa Manna Maree Bulchiinsa Naannoo Amaaraa duraanii Obbo Yohaanis Bu’ayaaleewu

Dhimma nageenyaa naannoo Amaara keessatti umameen walqabatee labsii yeroo atattamaatiin mana hidhaa Awaash Arbaa keessa kan jiran miseensi mana maree bakka bu’ootaa federaala duraanii obbo Kiristiyaan Taadelee fi miseensi manna maree bulchiinsa naannoo Amaara duraanii Obbo Yohaanis Bu’ayaaleewu , dhibee mardhumaanii isaan muudateen kan ka’e waldhaansii garaa baqaqisanii suphuu akka taasifameefi abuukaatoni isaanii sagalee Amerikaattif ibsaniiru.

Hidhamtoonni lamman ergaa yaaliin taasifameefii boodaa ittu hospitaala keessa turuun isaan irra jiruu, garaa mana hidhaatti akka debifaman taasifamuu isaanii abuukaatoon seeraa obbo Solomoon Gezaahaany kan dubbatan yemmuu ta’u, ajajjan mana hidhaa isaan keessa jiranuu Komaander Aschaaleewu Mekonen, beellamaan akka deebi’anii dhufan malee akka ciisanii turan hospitaala irraa gaafiin dhihaatee akka hin jiree ibsun isaani beekameera.

Yemmuu yaaliin baqaqsanii suphuu taasifamaa turetti dhiigni isaani waan dhagala’aa tureef guuyyoottan Sadii amma Shaniitti akka hospitaala keessa turanii waldhanaman maatiidhaan gaafatamee poolisoonii diduu isaanii firoottan eenyumaan isaanii akka ibsamu hin barbaanee kan Sagalee Amerikaatti himaniiru. Dhimma kana irrati deebii kan kennan haanga’onni poolisii, hidhamtoonni lamman akka dhiigaa hin jirre ibsanii, yoo ni dhiigu ta’e garuu guyyootan sadan dhufan keessa akka agara hospitaalatti deebifaman haakimootaa irra itti himamuu isaa beeksisaniiru.

Kamisaa kaleesaa Hospitaa Maqirez jedhamuu keessatti kan waldhanaman hidhamtoonni lamman, hospiitaalota Finfineetti argaman keessatti akka waldhaansi dhukuba Ijaa taasifamuuf ajjajin mana murtiitin Kanaan dura kenamee ture, akka hojii irra hin oolle ibsuudhaan iyyatta dhiheefatan irratti hundaa’uudhaan giyyootan 10 dhufan keessatti mana yaalaa dhaqanii akka taajjajila argatan abootiin murtii ajja kenuun isaanii gabaasameera.

Obbo kirstaan Tadeelee akka lakoofsa Ityoophiyaatti Adoolessa 28 bara 2015 , obbo Yohaanis Bu’ayaalewu Hagayya 9 bara 2015 irra kaasee akka manaa hidhaa jiran gabaasni Kenedii Abaatee Finfinnee irra erge ibseera.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG