Xurree ittiin seenan

Breaking News

Pireezidaantii Yuunaayitid Isteetisi Duraanii Du'an Boqotan Jiimii Kaarteeriif Prezidaant Joo Baayideen fi Kanneen Biroo Gadda Isaanii Ibsan


Faayilii - Prezidaantiin Yunaayitid Isteetis Joo Baayiden Du'uu Prezidaantii Duraanii Jimmy Kaarter Ilaalchisee Gadda Itti Dhaga'ame Ibsan St. Croix, U.S. Virgin Islands, Dec. 29, 2024.
Faayilii - Prezidaantiin Yunaayitid Isteetis Joo Baayiden Du'uu Prezidaantii Duraanii Jimmy Kaarter Ilaalchisee Gadda Itti Dhaga'ame Ibsan St. Croix, U.S. Virgin Islands, Dec. 29, 2024.

Pireezidaantii Yuunaayitid Isteetisi Isa 39 ffaa kan turan Jiimii Kaarteer Umurii isaanii waggaa 100 tti Dilbata kaleessaa addunyaa kanarraa du’aan kan boqotaniif Pireezidaantiin Yuunaayitid Isteetisi amma aangoo irra jiran Joo Baayideen hoogganaa biyyaa , nama gargaarsa namoomaa fi hiriyyaa jechuun ibsanii namoonni miiliyoonotaan lakkaa’aman kan addunyaarra jiran , addunyaan guutuun hiriyyaa isaanii akka dhabaniitti itti dhaga’ama. Jiimii Kaarteer nama jechaan jiraate osoo hin taane kan hojiin jiraate jechuunis ibsaniiru.

Pireezidaantiin Yuunaayitid Isteetisi filataman Doonaaldi Tiraampis fuula miidiyaa hawwaasaa isaanii Tiruuuz irratti barreefama maxxansaniin Kaarteer qormaanni waajjira isa Oovaalii ykn Waayit haawuus keessatti isaan qunnaame

biyya keenyaaf yeroo murteessaa ta’etti kan dhufanii fi hunda keenyaaf abbaa olmaa fi galata kan qabudha jedhaniiru.

Pireezidaantii Firaansi Imaanu’eel Maakiroonii fi ministirri muummee Biriiteen Keeyir Istaarmeer illee fuulla middiyaa hawwaasaa “X” irratti du’uu Kaarteer sababeeffachuun gadda isaanii ibsataniiru.

Jiraattoonnis bakka gidduu gala Pireezidaantii Jiimii Kaarteer kan Atilaantaa , Joorjiyaatti argamutti balbalarra Abaaboowwan ka’aafii jiru.

Jiimii Kaarteer filannoo Yuunaayitid Isteetis bara 1976 tti dorgomuun pireezidaantummaaf kan moo’atan, bara 1977 irraa hanga 1981 tti pireezidaantii biyyattii turan.

Forum

XS
SM
MD
LG