Roobii dheengadaa gara barii Nammi magaala Niwu Orliyeens keessatti konkola’ataa namoota irra oofuudhaa lubbuu namoottan 15 galafatee gochicha kan raawwatee kophaa issa akka ta’e Biiroon qorannoo Feederaala / FBI beeksisee jira.
Haanga’onii Biiroo qorannoo Federaalaa/ FBI ibsaa oduu gabaastotaaf kennaniin, nammi umuriin isaa wagga 42 Shamsudiin Jabbaar jedhamu, konkola’ataa namoottan irraa oofudhaan, akkasumas poolisoota irratti dhukasuudhaan gochii inni raawwate seera Shororkeesumaa keessatti akka ilaalamu ibsaniiru.
Biiroo qorannoo Feederaallati kutaa farra shororkeesumaa irraa kan ibsa kenne Kirstoofer Raaya, haala amma ammaa jirutii nama addaan bahee beekamee Shamsudiin Jabbaarii alatti qaamni biraa gochicha keessaa harkaa qabuu jiraachuun akka hin baramne dubataniiru.
Gochichii gocha shororkeesummaa ta’uu kan ibsan haanga’an FBI Shamsudiin Jabbar dhibaa dhibbatti, garee shororkeesitootaa Islamiik isteets jedhamuun kaka’umsaa akka argatee ibsaniiru.
Lammii Yunaayitid Isteets kan ta’eefi miseensaa waraanaa Yunaayitd isteets kan ture Jabbaar, Roobii dheengadaa gara barii namoottan kabajii wagga haaraa sababeeffachuudhaan daandii magaala Niwu Orliyeens irra turan irraa konkola’ataa ofuudhaan namoottan 15 ajjeesee 30 ol immoo madeesee, poolisootaa irratti yemmuu dhukaasaa jirutti ajjeefamuun isaa beekameeraa.
Forum