Xurree ittiin seenan

Breaking News

Prezidaantii Kooriyaa Kibbaa Duraanii Qabanii Hidhuuf Yaaliin Taasisamu Akka Dhaabbatu Aanga'onnii Mootummaa Ajaja Kennan


FILE PHOTO: Prezidaantii Kooriyaa Kibbaa duraanii Yoon Suuk Ye'ool
FILE PHOTO: Prezidaantii Kooriyaa Kibbaa duraanii Yoon Suuk Ye'ool

Haanga’onii biyya kooriyaa kibbaa prezidaantii biyyatti angoo irraa uguraman Yoon Suk Ye’ol too’anoo jala olchuudhaaf umnoottan qorannoo jimaatta har’aa taasisan yaalii taasisan akka dhaabana ajaja kan kennaan, umnoottan prezidaanticha eegaa jiranuu fi garee qoratootaa giduutti walitti bu’’insii umaamuu danda’a jechuudhaan akka ta’e gabasameera.

Akka gabaasni Se’uul irraa bahaa jiru jedhutti, gareen qoratootaa miseensota 100 ta’u of keessaa qabau, yemmuu gara mana jireenyaa prezidaantichaati imalaa turan, jalqaba irratti namoottan degertootaa prezidantichaa ta’an dura dhaabannadhaan mormii taasisanii turan. Gareen qoratootaa mormiitoota sana dhiibanii erga darbanii boodaa gareen miseensota waraanaa biyyatti of keessaa qabuuf qawwee hidhatee nageenyaa prezidaantichaa egaa jiruun akka dhaabbtan taasifame.

Garee qorannoo ajja hidhaa mana murtii of harkaa qabuu fi garee prezidantichaaf amanamoo ta’an gidduutti sa’aatii Jahaaf wal falmiin ergaa taasifamee boodaa, dhimmichii gara walitii bu’insaatti jijjiramee balaa biraa fiduu danda’a jechuudhaan haanga’onni mootummaa yaaliin prezidaantichaa qabanii hidhuu akka dhaabatu ajajaniiru.

Prezidaantiin Kooriyaa kibbaa muddee 3 bara 2024 seeraa waraanaa ykn issaa “Maarshaal lowu” jedhamee beekamuu biyyatti keessati labsuu isaaniitiin kan ka’e, paarlamaan biyyatti, aangoo isaanii irra akka kaasaman taasisee jira.

Aangoo isaanii seeraan ala itti fayyadamaniiru jechuudhaanis himannan irratti dhihaatee akka too’annoo jala olanii qorannoon isaan irrati taasifamu manni murtii ajaja keennee jira.

Akka gabaasni Wiliyaam Gaalootiin magala Se’ul irraa VOA dhaaf ergame jedhetti, haanga’onii mootummaa biyyatti aggaammi hidhaa Jimaata har’aa taasifamee ambisanus ajajinii mana murtii ammayuu waan hin haqamnef egereen prezidaantichaa waan ifatti beekame hin qabu.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG