Manni Maree bakka bu’ootaa Yuunaayitid Isteetisi Wiixata har’aa yaa’ii taa’uun Doonaaldi Tiraampi filannoo pireezidaantummaa Moo’achuu isaaf mirkaneessaaf. Manni maree Yuunaayitid Isteetisi inni Kongireesii jedhamuun waamamu yaa’ii Wiixata har’aa taa’u irratti Doonaaldi Tiraampi filannoo Pireezidaantummaa bara 2024 irratti morkattuu isaa Itti aantuu pireezidaantii Kaamalaa Haariisiin moo’achuu isaaf beekamtii ni kennaaf. Kaamalaa Haariis Bu’aa filannoo Kutaalee biyyattii 50 irraa dhufe irratti mallatteessuun moo’amuu isheef beektii ni kenniitiif.
Addmsichi hojimaata seera filannoo keessaa tokko ta’us waggaa Afuriin dura deeggartoonni Tiraampi Kaappitoollitti seenuun jeequmsa uumuun namoota 140 irra miidhaan ga’ee ture. Haalli yeroo sana uumamee ture garuu Wiixata har’aa mudata jedhamee hin eeggamu. Kunis Haariis mo’amuu ishee kan amantee fi Pireezidaanti Joo Baayideenis adeemsa nagaa hordofuu isaa ibsaniiru. Namoonni 1500 jeequmsa Amajjii 6 abara 2021 Kaappitoolitti ka’e keessattiu hirmaachuuun kan himatamaniiran yommuu ta’u Tiraampi immoo Amajjii 20 dhufutti aangoo erga fudateen booda Ariitiin namoota kanneeniif dhiifama akka taasiisu himeera.
Forum