Xurree ittiin seenan

Breaking News

Ministarri Muummeen  Biyya Kanaadaa Jastiin Tiruudoo Aangoosaa Akka Gadhiisu Beeksise


Ministarri Muummeen  Biyya Kanaadaa Jastiin Tiruudoo ibsa oggaa kennu, Kaanaadaa, Amajji. 6, 2025.
Ministarri Muummeen  Biyya Kanaadaa Jastiin Tiruudoo ibsa oggaa kennu, Kaanaadaa, Amajji. 6, 2025.

Paartii Libeeraariin kan hoogganu ministirri muummee Kanadaa Jastiin Tiruudoo Wiixata har’aa aangoo isaa gadhiisuuf sababa kan jedhe bulchiinsa kiyyaa irratti mormiin baay’achaa dhufuu fi ministirri maallaqaa akka tasaatti aangoo isaa erga gadi lakkiseen boodammoo jabaachaa dhufuudha jedheera. Filannoo dhufu irratti ani filannoo gaarii ta’uu hin dand’u kan jedhe Tiruudoon hanga paartiin isaa hooggansa haaraa filatee bakka koo buusutti aangoo irra nan turas jedheera. Paarlaamaan biyyattii Amajjii 27 dhufutti silaa hojii jalqabuuf jiru hanga Bitooteessa 24 dhufutti tura jedhameera. Kunis Paartiin Libiraarii hooggansa haaraa akka filatuuf yeroo kennaafis jedhameera.

Bara 2015 tti gara aangootti kan dhufe Tiruudoon ga’eessi ganna 53 ministiroota muummee Kanaadaa kan paartii Libiraarii irraa uummata filattoota irraa fudhatama hin argatinidha. Akka sababattis gatin jireenyaa keessumaa kan Nyaataa fi mana jireenyaa dabaluun komii irratti ka’udha.

Haalli siyaasaa Kanaadaa tasgabbii dhabuun akka idil addunyaatti rakkoo itti ta’a. Pireezidaantiin Yuunaayitid Isteetisi filatame Doonaaldi Tiraampi baqattootaa fi qorichoota karaa daangaa ishee gara Yuunaayitid Isteetisi seenan hin dhorkitu taanaan meeshaalee Kaanaadaarraa dhufan hundaa irratti taarifa dhibbeentaa 25 akka buusu himuun isaani yaadatama.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG